Waaqa Duratti Balchoomuu
1 Tanaaf, eega dhugeeffanna’aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa woliin nageya qanna. 2 Kiristoos gara badhaadha Waaqaa, ka amma ittiin dhaabbannee jirru kanaa nu fideera; nuutille addii ulfinna Waaqaa ittiin qoodannuun ifi jajna. 3 Tana qofaan adoo hin te’in, rakkinni ciniinnatanee ossiisa akka nu’uu fidu waan beennuuf, rakkinna keennalle’een ifi jajna. 4 Ciniinnatanee ossiisille mirkaneessiisa Waaqaa fida; mirkaneessiis Waaqaalle addii fida. 5 Jaalalli Waaqaa karaa Ayyaana Woyyicha nuuf kennameetiin, gadhaa keenna waan guuteeruuf, addiin nu hin qaanessitu.