16 Akkasuma bu’aan badhaadhaa, ka kennansi Waaqaa tolaa fide, ka akka cubbuun nama tokkochaa fiddeetii moti; muraan marroo cubbuu nama tokkochaatiif kenname adabbii fide; kennansi tolaa ka sababa cubbuu heddu’uutiif kenname ammoo balchummaa fide. 17 Eega sababa cubbuu nama tokkochaatiif duuti nama mara irratti baallii dhaggatte, worri badhaadha Waaqaa ka danbala’ee fi kennaa tolaa fudhatee balchoome maraa, karaa nama tokkochaa, karaa Yesuus Kiristoosiitiin le’aa mowan.