12 Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du’u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina’a. 13 Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu’uu gootanee cubbu’uuf hin dhikeessina’a; ammoo akka worra du’a keessaa bayee gara jiru’uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa’a; nafa keessan duudii meya balchumma’aa godha’aatii Waaqaaf dhikeessa’a. 14 Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu.
15 Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo’o! 16 Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu’uuf ajajantane, cubbuu du’a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan. 17 Isin dur garboota cubbu’uu ti; amma ammoo barumsa fudhattaneef gadhaa guutu’uun waan ajajantaneef, Waaqi galatoomu. 18 Cubbuu jalaa baatanee garboota balchumma’aa teetaneertan.