Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Rooma'aa 8

Ayyaana Waaqaatiin Jiraachuu

1 Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le’u, amma muraa yakka’aa jala hin jiru. 2 Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu’uutii fi du’aa jalaa na baaseera. 3 Namummaan namaa dadhadduu waan teeteef, waan Seerri godhuu dadhabe, Waaqi godheera. Inni Ilma ifii ka namummaa teenna cubbaalettii fakkaatee, cubbuu haqiisaaf dhufe, ergiisaan cubbuu namummaa namaa keessa jirtutti yakkaa mure. 4 Nu worra akka fedha foonii adoo hin te’in, akka fedha Ayyaanaa leenu keessatti, wonni Seerri nu irraa gaafatu balchichi akka muummowuuf, Waaqi tana godhe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também