11 Ayyaanni Waaqaa ka Yesuus du’a keessaa kaase, isin keessa yoo jiraate, ka Kiristoos du’a keessaa kaase, karaa Ayyaana ifiitiin nafa keessan ka du’uufille jiruu hin kenna.8:11 1 Qor. 3:16 12 Tanaaf, obboleeyyan tiyya! Nuuti waan godhuu qannu qanna; wonni godhuu qannu sunille akka fedha foonii le’iisaa moti. 13 Yoo akka fedha foonii leetane, hin duutan; ammoo hunna Ayyaana Woyyichaatiin hujii fedha foonii yoo ijjeettane jiru’uun leetan. 14 Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti. 15 Isin Ayyaana ilmoomaa ka, «Abba’a! Abbaa keenna!» jettanee waantanuun fudhattane malee, soda’aan akka leetanuuf ayyaana ammalle isin garboonsu hin fudhanne.8:15 Mar. 14:36; Gal. 4:6 16 Ayyaanni Waaqaatuu ayyaana keenna woliin wolii galee, nuuti ijoollee Waaqaa akka teene dhugaa baya. 17 Maarre ijoollee Waaqaa eega teene, isa hin dhaalla; Kiristoos wolille’een hin dhaalla; amma rakkinna Kiristoosii eega qoodanne, ulfinna isaalle hin qoodanna.
Publicidade