Jaalala Waaqaa
31 Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande’a? 32 Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree? 33 Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa. 34 Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du’ee, du’a keessaa ka’ee midda Waaqaa jiru, nu’uuf daadimatiisatti jira.