Pular para o conteúdo
Publicidade

Worra Rooma'aa 8:31-39

Jaalala Waaqaa

31 Marroo waan kanaa, nuuti maan jenna ree? Waaqi nu woliin yoo jiraate, eentu nu mormee dande’a? 32 Waaqi Ilma ifii adoo hin marariffatin, nu maraaf dabarsee kenne, waan mara Ilma ifii woliin toluma nuuf hin kennuu ree? 33 Worra Waaqi fooyate eentu himata? Ka isaan balchoonsu Waaqa. 34 Eentu itti mura ree? Kiristoos Yesuusiin du’ee, du’a keessaa ka’ee midda Waaqaa jiru, nu’uuf daadimatiisatti jira. 35 Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko’oo moo farra? Miidha’a8:35Miidha’aa: Ari’ama moo beela? Daara moo bala’a? Yookiin du’aa ree? 36 Tun tama Barreeffam Woyyichi,

«Si’iif jennee guyyuma guyya’aan ijjeefanna;

akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu.

37 Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra. 38 Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, 39 wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.