Pular para o conteúdo
Publicidade

Sofonias 1

14 Guyyaan Mootii Waan Maraa guddaan dhikaateera; ariifatee dhufaara; guyyaan sun guddoo ka sodaachisu; guyyaa Mootii Waan Maraa sanitti loltooti jajjabootinuu sodaatanee, iyya jadduu iyyan. 15 Guyyaan sun guyyaa mufi’ii, guyyaa gargalaatii fi farriisaa, guyyaa diigamaatii fi badi’ii, guyyaa dimimmisaatii fi dukkanaa, guyyaa duumensaatii fi dukkana dimmaa ti; 16 guyyaa san qachoota kushee dhaka’aa qabanuu fi xelleephoo dhaka’aa dhedheertuu irratti qoonqoon tultulla’aatii fi iyya lolaa hin dhage’ama.

17 Mootiin Waan Maraa, «Ani namoota irratti gaargala hin fida, isaan ana Mootii Waan Maraa waan yakkaneef, akka namoota balla’aa hin deeman; dhiigi isaanii akka buku’uu hin lola’a; reeffi isaanii akka kosi’ii hin gatama» jedha.

18 Guyyaa mufii Mootii Waan Maraa sanitti meetiin isaanii yookiin worqiin isaanii isaan fayyisuu hin dande’anu; biyyi lafaa duudiin ibidda aarii isaatiin hin baddi; inni worra lafa irra le’anu mara dedhuma hin fixa.

Veja também

Sofonias
Ver todos os capítulos de Sofonias