Dhugeeffanna’aa Fi Qarummaa
2 Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha’a! 3 Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan. 4 Haga muumme’ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te’e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.