Dhugeeffanna’aa Fi Hujii
14 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa’aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii? 15 Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, 16 isin keessaa nami tokko, waan le’ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema’a, hin boojjatina’a, quufa’a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati? 17 Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.
18 Nami tokko, «Ati dhugeeffannaa qadda; ani hujii dansaa qaba» yoo jedhe, ani, «Dhugeeffannaa teeti hujii irraa gargar baasiitii natti mudhisi; anille dhugeeffannaa tiyya hujii tiyyaan sitti mudhisa» hin jedhaan. 19 Ati Waaqi tokkochi akka jiru hin dhugeeffatta; dansaa goote! Durriisotille tana hin dhugeessan, sodaataneelle hin hollatan.
20 Namicha gowwa’a! Dhugeeffannaan huji’iin malee ta gatii hin qanne2:20Ta gatii hin qanne: Ta duute akka teete beekiisaaf dhugaa itti barbaaddaa? 21 Abbaan keenna Abrahaam ilma ifii Yisihaq, addee ciincaan itti ciinceffamu irratti yennaa dhikeesse, huji’iinii motii ka balchoome? 22 Tanaan dhugeeffannaan isaa hujii isaa woliin hujataa akka turte, dhugeeffannaalle huji’iin akka muummotte hin dhaggituu? 23 Barreeffam Woyyichi, «Abrahaam Waaqa dhugeeffate, dhugeeffannaan isaalle balchumma’atti laakkowante» jedhu muummowe; innille jaala Waaqaa jedhame. 24 Nami huji’iin malee, dhugeeffannaa qofaan akka hin balchoonne hin dhaggitan.
25 Akkasuma, Rahaabiin sagaagaltittiille yennaa worra Israa’elii ka ergamee dhufe san fudhattee, karaa dhibi’iin akka bayanu goote, hujii ifiitiin balchoontee motii? 26 Nafi hafuura2:26Hafuura: Ayyaana hin qanne ka du’e; dhugeeffannaan hujii hin qannelle ta duute.