Publicidade

Tiago 3

3 Fardi akka nu’uuf ajajamu bixaala afaan keessa keenna; gara feene isa geessina. 4 Me hoboloo guddittii ilaala’a! Hoboloon guddoon adoo guddo’ootuu, qilleensa jabaalle’een adoo oofantuu, nami hoboloo oofu shaffisaa diqqaa tokkoon gara fedhe oofa. 5 Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te’eeruu, waan gugurdo’oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha’a! 6 Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu’utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le’ii teennaa duudii hin guba; ifille’eef ibidda qile’eetiin gubata.

7 Nami bineensota adda addaa, sinbirroota, bineensota lafa irra lowu, bineensota bisaan keessaa leenjisuu hin dande’a; leenjiseeralle’e. 8 Nami arraba leenjisuu dande’u ammoo hin jiru; inni hadhaa du’aatiin ka guutamee fi hamaa hin toowatanne.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-