5 Akkasuma, arrabille qoqoodama nafaa keessaa waan diqqaa tokko adoo te’eeruu, waan gugurdo’oon ifi jaja. Gongomaan guddaan ibidda diqqaa tokkoon attam akka gubatu hubadha’a! 6 Arrabille ibidda. Inni qoqoodama nafaa oddu’utti ka dhaggamu, biyya lafaa ta hammeennaa ti; nafa duudii batteessa; akka ibidda qilee ibiddaa keessaa bayuulle ideensa le’ii teennaa duudii hin guba; ifille’eef ibidda qile’eetiin gubata.