Pular para o conteúdo
Publicidade

Tiago 4

Ifi Jajuu Irraa Ifi Eeggachiise

13 Isin worri, «Adha yookiin boru qachaa akkasiitii fi akkasii dhandhee woggaa tokko achi turra, hin daddalanna, bu’aalle keessaa buufanna» jettanu, caqasa’a! 14 Isin waan boru te’u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo’oof mudhattee deebitee badduu ti. 15 Addee san, «Yoo Goottaan jedhee fi yoo jiraanne, kana yookiin san hin goona» jedhuu maltane. 16 Amma ammoo isin hin koortan, ifille hin jajjan; ifi jajuun akkasii duudiin hantu’u. 17 Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.

Veja também