3 Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiisi. 4 Isaan, akka dubartooti ka’im abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu, 5 Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja’aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti.