Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Mootota 19:4-8

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.

Kunoo ergamaan Waaqayyoo tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.

7 Ergamaan Waaqayyoo amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Waaqaa kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    4 ኦፊሳቲሞ ከራ ጉያ ቶኮ ገሞጂ ኬሰ ዴሜ። እንስ ሙከ እተቻ ቶኮት ዹፌ ጀለ ታኤ አከ ዱኡፍ፣ "ያ ዋቀዮ ነ ዸገእ፤ ሉቡኮ ፉዸዹ፤ አን አቦቲኮ ህንጫሉቲ" ጄዼ። 5 ኤርገሲስ ሙከ ሰነ ጀለ ጪሴ ህርብን እሰ ፉዸቴ።

    ኩኖ ኤርገማን ዋቀዮ ቶኮ እሰ ቱቄ፣ "ከኢ ዋ ኛዹ" ጄዼን። 6 እንስ ኦፍረ ምልአቴ መጥኖ ጭሌረት ብልቼፈሜ ቶኮፊ ኦኮቴ ብሻኒ መታ ኦፊ ብረት አርጌ። ኛቴ ዹጌስ አመሌ ዴብኤ ጪሴ።

    7 ኤርገማን ዋቀዮ አመሌ ዬሮ ለመፋ ዹፌ እሰ ቱቄ፣ "ከኢ ኛዹ፤ ከራን አት ዴምቱ ዼራዻቲ" ጄዼን። 8 ከናፉ እን ከኤ ኛቴ ዹጌ። እንስ ኛተ ሰናን ጀባቴ ሀመ ቱሉ ዋቃ ከን ኮሬብ ጄዸሙ ገኡት ሀልከን አፉርተማፊ ጉያ አፉርተመ ሚላን ዴሜ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    4 ofii isaatii immoo karaa guyyaa tokkoo gammoojjii keessa deeme. Innis muka ittachaa tokkotti dhufee jala taaʼee akka duʼuuf, "Rabbii Allaah na dhagaʼi; lubbuu koo fudhadhu; ani abbootii koo hin caaluutii" jedhe. 5 Ergasiis muka sana jala ciisee hirribni isa fudhate.

    Kunoo malaʼikkaan Allaah tokko isa tuqee, "Kaʼii waa nyaadhu" jedheen. 6 Innis of irra milʼatee Maxinoo cilee irratti bilcheeffame tokkoo fi okkotee bishaanii mataa ofii biratti arge. Nyaatee dhugees amma illee deebiʼee ciise.

    7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah amma illee yeroo lammaffaa dhufee isa tuqee, "Kaʼii nyaadhu; karaan ati deemtu dheeraadhaatii" jedheen. 8 Kanaafuu inni kaʼee nyaatee dhuge. Innis nyaata sanaan jabaatee hamma tulluu Allaaha kan Kooreeb jedhamu gaʼutti halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama miillaan deeme.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.