Pular para o conteúdo
Publicidade

2 Seenaa 9:1-8

Mootittiin Saabaa Solomoonin Arguu Dhaqxe

1 Mootittiin Shebaa waaʼee maqaa Solomoon dhageenyaan gaaffiiwwan jajjaboodhaan qortee isa ilaaluuf gara Yerusaalem dhufte. Isheenis miiltoo akka malee baayʼee wajjin gaalawwan urgooftuu, warqee hedduu fi dhagaawwan gati jabeeyyii baatan fudhattee dhufte; Solomoon bira geenyaanis waan garaa ishee jiru hunda isa wajjin haasofte. 2 Solomoonis gaaffii ishee hundaaf deebii kenne; wanni inni isheef ibsuu dadhabe tokko iyyuu hin turre. 3 Mootittiin Shebaa yommuu ogummaa Solomoon, masaraa mootummaa kan inni ijaare, 4 nyaata maaddii isaa irratti dhiʼaatu, haala itti qondaaltonni isaa tataaʼan, hojjettoota uffata hojii uffatanii hojjetan, warra daadhii isaaf dhiʼeessanii fi aarsaa gubamu kan inni mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti dhiʼeesse argitetti akka malee dinqisiifatte.

5 Isheenis mootichaan akkana jette; "Oduun ani waaʼee waan ati hojjetteetii fi waaʼee ogummaa keetii biyyuma kootti dhagaʼe sun dhugaa dha. 6 Ani garuu hamman dhufee ijuma kootiin argutti waan isaan jedhan sana hin amanne. Dhugumaan guddina ogummaa keetii keessaa walakkaan isaa iyyuu natti hin himamne; ati oduu ani dhagaʼe sana akka malee caalta. 7 Namoonni kee hammam haa gammadan! Qondaaltonni kee warri yeroo hunda fuula kee dura dhadhaabatanii ogummaa kee dhagaʼan hammam haa gammadan! 8 Waaqayyo Waaqni kee inni sitti gammadee akka ati mootii taatee Waaqayyo Waaqa keetiif bulchituuf teessoo isaa irra si teessise sun haa galateeffamu. Waaqni kee sababii Israaʼeliif jaalala qabuu fi sababii bara baraan jabeessee isaan dhaabuuf fedhii qabuuf akka ati murtii qajeelaa fi qajeelummaa eegduuf isaan irratti mootii si godheera."

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.