Gaayoosin Galateeffachuu Isaa
2 Yaa michuu ko, akkuma lubbuu keetti tole sana akka wanni hundinuu sitti toluu fi akka ati fayyaa qabaattuuf nan kadhadha. 3 Obboloonni tokko tokko dhufanii akka ati dhugaaf amanamaa taatee fi akka ati dhugaadhaan jiraattu natti himnaan ani akka malee gammade. 4 Ijoolleen koo dhugaadhaan jiraachuu isaanii dhagaʼuu caalaa ani gammachuu guddaa hin qabu.