5Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna.
22Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
25Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
101 resultados encontrados
5Nu garuu qajeelummaa abdannu sana karaa Hafuuraatiin hawwiidhaan amantiin eegganna.
22Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa,
25Nu erga Hafuuraan jiraannee kottaa Hafuuraan haa deddeebinu.
15egaa abdiin koo eessa jira?Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
2Ayyaana amma jabaannee ittiin dhaabannu kanattis karaa isaatiin amantiin galuuf carraa arganneerra. Abdii ulfina Waaqaattis ni gammanna.
4obsi jabaatanii dhaabachuu, jabaatanii dhaabachuun immoo abdii fida.
5Jaalalli Waaqaa karaa Hafuura Qulqulluu nuu kennamee sanaatiin garaa keenya keessatti waan dhangalaafameef abdiin nu hin qaanessu.
19Uumamni mulʼachuu ijoollee Waaqaa hawwiidhaan eeggachaa jira.
24Nu abdii kanaan fayyineetii. Abdiin argamu garuu abdii miti; namni waan amma iyyuu qabu abdatu eenyu ree?
25Nu yoo waan amma hin qabne abdanne garuu obsaan eegganna.
4Jaalalli obsa qaba; jaalalli arjaa dha. Inni hin hinaafu; hin kooru; ofis hin tuulu.
7Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.
13Egaa amantiin, abdii fi jaalalli sadan isaanii iyyuu ni jiraatu. Isaan keessaa garuu jaalalatu caala.
11Nus akka tokkoon tokkoon keessan abdii keessan mirkaneessitanii hamma dhumaatti tattaaffii akkanaa argisiiftan barbaanna.
15Kanaafuu Abrahaam obsaan eeggatee waan waadaa galame sana argate.
19Nus abdii kana akka hiituu dooniitti lubbuuf qabna. Abdiin kunis iddoo qulqulluu golgaa duuba jiru sana ol seena;
8Namni gowwaadhaaf ulfina kennu,akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
12Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa?Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
14Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu,dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
4Amantiin nu karaa Kiristoosiin fuula Waaqaa duratti qabnus kan akkanaa ti.
12Kanaafuu nu abdii akkasii waan qabnuuf baayʼee ija jabaanna.
17Gooftaan Hafuura. Iddoo Hafuurri Gooftaa jiru immoo bilisummaatu jira.
4Namni warra lubbuun jiran hundatti dabalamu kam iyyuu abdii qaba. Leenca duʼee mannaa saree lubbuun jirtu wayyaatii!
8Yeroo hunda uffata adii uffadhu; zayitiinis mataa kee irraa hin dhabamin.
9Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
7Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
13Namni odeessu dhoksaa gad baasa;kan amanamu garuu icciitii eega.
23Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
5Yaa mana Yaaqoob,kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa.
18waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.
22Nama duʼa hin oolle,kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa.Inni maalitti lakkaaʼama?
4Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti;inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala.Guyyaan eegdota keetii,guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera.Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
5Ollaa hin amanatin;michuus hin abdatin.Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuuarraba kee eeggadhu.
7Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha;fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha;Waaqni koo na dhagaʼa.
10Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu,akkuma leenca dhokatee jiruu
21Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha;kanaafuu ani abdii qaba.
29Amma illee abdiin ni jira taʼaatii,inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
1Eliifaaz Teemaanichi akkana jedhee deebise:
12Yaadni kee maaliif si fudhatee bada?Ijas maaliif babaafta?
22Inni akka deebiʼee dukkana keessaa baʼu hin amanu;goraadeetu isa eeggata.
10Duraan dursee wangeelli saba hundatti lallabamuu qaba.
18Kunis akka ganna13:18 Ganni yeroo bokkaan cimaan roobee lagni guutee rakkina uumuu dha. Akkasumas akka ganna keessa hirʼinni nyaataa jiru argisiisuu dandaʼa. keessa hin taaneef kadhadhaa.
33Of eeggadhaa! Dammaqaas! Yeroon sun yoom akka taʼe hin beektaniitii.
1Amantiin waan abdannu tokko dhugumaan ni taʼa jennee fudhachuu dha; waan ijaan hin argine tokko immoo qabatamaadha jennee heduu dha.
14Warri waan akkasii jedhan kunneen akka biyya ofii isaanii eeggachaa jiran mulʼisu.
20Yisihaaq amantiidhaan waan dhufuuf jiru irratti Yaaqoobii fi Esaawun eebbise.
9Warri quncee talbaa iddame qopheessan,wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.
15Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii yookaan shambaqqoon,Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.
18Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.
6Inni akka daggala gammoojjii keessaa taʼa;yeroo wanni gaariin dhufutti hin argu.Inni gammoojjii keessaa iddoo gogaabiyya soogiddaa kan namni tokko iyyuu hin jiraanne keessa jiraata.
7"Namni Waaqayyoon amanatu,kan abdiin isaas isuma taʼe garuu eebbifamaa dha.
9Garaan namaa waan hunda caalaa haxxee dha;garmalees hamaa dha.Eenyutu isa hubachuu dandaʼa?
4Warri gaddan eebbifamoo dha;jajjabina ni argatuutii.
7Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;araara ni argatuutii.
38" ‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’ 5:38 Bau 21:24; Lew 24:20; KeD 19:21 akka jedhame dhageessaniirtu.
4Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;dheerina umurii kootiis na barsiisi;jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.
7"Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?Abdiin koo suma irra jira.
10Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;dhaʼicha kee narraa fuudhi.