Pular para o conteúdo
Publicidade

Qolosaayis 1:15-20

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

Ol aantummaa Ilma Waaqaa

15 Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. 16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. 17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata. 18 Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa. 19 Waaqni guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii; 20 dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan samii keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    15 እን ፈካቲ ዋቀ ህንሙልአትኔ ሰናት፤ ኡመመ ሁንዳፍስ ሀንገፈ። 16 ወን ሁንድኑ እሱማን ኡመሜቲ፦ ወን ሰሚ ኬሳፊ ለፈራ፣ ወን ሙልአቱፊ ህንሙልአትኔ፣ ቴሶወን ዮካን ሁምኖትን ዮካን ቡልችቶትን ዮካን ታይታወን፣ ወን ሁንድኑ እሱማን፣ እሱማፍ ኡመመን። 17 እን ዋን ሁንደ ዱረ ጅረ፤ ወን ሁንድኑ እሱማን ወል ቀበቴ ዻበተ። 18 እን መታ ዸግነሳ፣ መታ ወልዳ ክርስታናት፤ ዋን ሁንደረት ኦል ኣንቱማ አከ ቀባቱፍስ እን ከን ጀልቀባት፤ ወረ ዱአን ኬሳ ካፈሙዻንስ ሀንገፈ። 19 ዋቅን ጉቱማንሳ ሁንድ እሰ ኬሰ ጅራቹሳት ገመዴራቲ፤ 20 ዺገሳ ከን ፈኖረት ዸንገለኤ ሰናንስ ነጋ ቡሱዻን ዋን ለፈረ ጅሩ ዮካን ዋን ሰሚ ኬሰ ጅሩ ሁንደ ከራሳቲን ኦፍት አራርሴራቲ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    15 Inni fakkaattii Allaah hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. 16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni shamaayʼun keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. 17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata. 18 Inni mataa dhagna isaa, mataa waldaa kiristaanaa ti; waan hunda irratti ol aantummaa akka qabaatuufis inni kan jalqabaa ti; warra duʼan keessaa kaafamuudhaanis hangafa. 19 Allaahan guutummaan isaa hundi isa keessa jiraachuu isaatti gammadeeraatii; 20 dhiiga isaa kan fannoo irratti dhangalaʼe sanaanis nagaa buusuudhaan waan lafa irra jiru yookaan waan shamaayʼun keessa jiru hunda karaa isaatiin ofitti araarseeraatii.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Colossenses
Ver todos os capítulos de Colossenses