Akka Warra Kiristoosiin Jiraattota Taasifamaniitti Jiraachuu
1 Egaa isin erga Kiristoos wajjin kaafamtanii waan ol gubbaa, mirga Waaqaa iddoo Kiristoos taaʼu sana jiru barbaadaa. 2 Waan ol gubbaa yaadaa malee waan lafa irraa hin yaadinaa. 3 Duutaniirtuutii; jireenyi keessanis Kiristoos wajjin Waaqa keessa dhokfameera. 4 Yommuu Kiristoos inni jireenya keessan taʼe sun mulʼatutti isinis isa wajjin ulfinaan ni mulʼattu.