Pular para o conteúdo
Publicidade

Daaniʼel 1:1-6

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

Daaniʼel Baabilon keessatti Leenjifame

1 Bara Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa keessa, waggaa sadaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemin marse. 2 Gooftaanis Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa tokko tokko wajjin dabarsee harka isaatti kenne. Miʼoota kanneenis gara mana Waaqa isaa, gara Baabilonitti geeffatee mankuusaa mana Waaqa isaa keessa kaaʼate.

3 Mootichis ergasii Ashfenaz itti gaafatamaa qondaaltota isaa sana waamee akka inni Israaʼeloota sanyii moototaatii fi maatii ulfina qabeeyyii taʼan tokko tokko ol galchu ajaje; 4 isaanis dargaggeeyyii hirʼina dhagnaa hin qabne, babbareedoo, kanneen barumsa gosa kamii iyyuu barachuuf dandeettii ogummaa qaban, kanneen beekumsaan badhaadhan, kanneen waan hunda hubachuu dandaʼanii fi masaraa mootummaa keessa tajaajiluuf gaʼumsa qaban turan. Innis afaanii fi katabbii Baabilonotaa isaan barsiisuu qaba ture. 5 Mootichis nyaataa fi daadhii wayinii kan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu maaddii mootummaa irraa isaaniif ajaje. Isaanis tajaajila mootichaa seenuuf waggaa sadii leenjifamuu qabu ture.

6 Isaan kanneen keessaa warri Yihuudaadhaa dhufan Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa turan.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    1 በረ ዬሆያቂም ሞትቸ ይሁዳ ኬሰ፣ ወጋ ሰደፋት ኔቡከድኔዘር ሞቲን ባብሎን ዹፌ ዬሩሳሌምን መርሴ። 2 ጎፍታንስ ዬሆያቂም ሞትቸ ይሁዳ ምኦተ መነ ቁልቁሉማ ዋቃ ቶኮ ቶኮ ወጅን ደበርሴ ሀርከሳት ኬኔ። ምኦተ ከኔንስ ገረ መነ ዋቀሳ፣ ገረ ባብሎንት ጌፈቴ መንኩሳ መነ ዋቀሳ ኬሰ ካአቴ።

    3 ሞትችስ ኤርገሲ አሽፌነዝ እት ጋፈተማ ቆንዳልቶተሳ ሰነ ዋሜ አከ እን እስራኤሎተ ሰኚ ሞቶታቲፊ ማቲ ኡልፍነ ቀቤዪ ተአን ቶኮ ቶኮ ኦል ገልቹ አጀጄ፤ 4 እሳንስ ደርገጌዪ ህርእነ ዸግና ህንቀብኔ፣ በበሬዶ፣ ከኔን በሩምሰ ጎሰ ከሚዩ በረቹፍ ደንዴቲ ኦጉማ ቀበን፣ ከኔን ቤኩምሳን በዻዸን፣ ከኔን ዋን ሁንደ ሁበቹ ደንደአኒፊ መሰራ ሞቱማ ኬሰ ተጃጅሉፍ ገኡምሰ ቀበን ቱረን። እንስ አፋኒፊ ከተቢ ባብሎኖታ እሳን በርሲሱ ቀበ ቱሬ። 5 ሞትችስ ኛታፊ ዳዺ ወይኒ ከን ጉያ ጉያት እሳን በርባችሱ ማዲ ሞቱማራ እሳኒፍ አጀጄ። እሳንስ ተጃጅለ ሞትቻ ሴኑፍ ወጋ ሰዲ ሌንጅፈሙ ቀቡ ቱሬ።

    6 እሳን ከኔን ኬሳ ወር ይሁዳዻ ዹፈን ዳንኤል፣ ሀናንያ፣ ሚሻኤሊፊ አዛርያ ቱረን።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    1 Bara Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa keessa, waggaa sadaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemin marse. 2 Gooftaanis Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa miʼoota mana qulqullummaa Allaaha tokko tokko wajjin dabarsee harka isaatti kenne. Miʼoota kanneenis gara mana Allaah isaa, gara Baabilonitti geeffatee mankuusaa mana Allaah isaa keessa kaaʼate.

    3 Mootichis ergasii Ashfenaz itti gaafatamaa qondaaltota isaa sana waamee akka inni Israaʼeloota sanyii moototaatii fi maatii ulfina qabeeyyii taʼan tokko tokko ol galchu ajaje; 4 isaanis dargaggeeyyii hirʼina dhagnaa hin qabne, babbareedoo, kanneen barumsa gosa kamii iyyuu barachuuf dandeettii ogummaa qaban, kanneen beekumsaan badhaadhan, kanneen waan hunda hubachuu dandaʼanii fi masaraa mootummaa keessa tajaajiluuf gaʼumsa qaban turan. Innis afaanii fi katabbii Baabilonotaa isaan barsiisuu qaba ture. 5 Mootichis nyaataa fi daadhii wayinii kan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu maaddii mootummaa irraa isaaniif ajaje. Isaanis tajaajila mootichaa seenuuf waggaa sadii leenjifamuu qabu ture.

    6 Isaan kanneen keessaa warri Yihuudaadhaa dhufan Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa turan.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.