20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, "Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Waaqayyo Waaqni keenya isin ajaje kanaa maali?" jedhee si gaafate, 21 akkana jedhii itti himi; "Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Waaqayyo garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide. 22 Waaqayyo fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete. 23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide. 24 Waaqayyo akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Waaqayyo Waaqa keenya sodaannu nu ajaje. 25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa."
Keessa Deebii 6:20-25
Em outras traduções
- ONOCV New Oromo Contemporary Version
20 ገረ ፉል-ዱራት ዮ እልምኬ፣ "ሂካን ቀጄልቸወኒ፣ አጀጀወኒቲፊ ሴረወን ዋቀዮ ዋቅንኬኘ እስን አጀጄ ከና ማል?" ጄዼ ስ ጋፈቴ፣ 21 አከነ ጄዺ እት ህም፤ "ኑ ግብጥት ገርቦተ ፈረኦን ቱሬ፤ ዋቀዮ ገሩ ሀርከ ጀባዻን ግብጢ ባሴ ኑ ፍዴ። 22 ዋቀዮ ፉሉመኬኘ ዱረት ብየ ግብጥት፣ ፈረኦኒፊ ነሞተ መነሳ ኬሰ ጅራተን ሁንደረት መለቶፊ ድንቂወን ሶዳችሳፊ ጉርጉዳ ሆጄቴ። 23 እን ገሩ ብየ አቦቲኬኛፍ ከኩዻን ዋዳ ገሌ ሰነት ኑ ገልቼ ኑ ዻልችሱፍ ጄዼ አቺ ባሴ ኑ ፍዴ። 24 ዋቀዮ አከ ኑ አኩመ አመ ጅሩ ከነት ዬሮ ሁንደ ኑት ቶሌ ጅራኑፍ አከ ኑ አጀጀወን ከኔን ሁንደ ኤግኑፊ አከ ዋቀዮ ዋቀኬኘ ሶዳትኑ ኑ አጀጄ። 25 ኑ ዮ አኩመ እን ኑ አጀጄት ሴረ ከነ ሁንደ ፉለ ዋቀዮ ዋቀኬኛ ዱረት ኦፍ ኤገናዻን ኤግኔ፣ ሱን ቀጄሉማኬኘ ተአ።"
- KQTAB Oromo Contemporary Scriptures
20 Gara fuul-duraatti yoo ilmi kee, "Hiikkaan qajeelchawwanii, ajajawwaniitii fi seerawwan Rabbii Allaahan keenya isin ajaje kanaa maali?" jedhee si gaafate, 21 akkana jedhii itti himi; "Nu Gibxitti garboota Faraʼoon turre; Rabbii Allaahan garuu harka jabaadhaan Gibxii baasee nu fide. 22 Rabbii Allaahan fuuluma keenya duratti biyya Gibxitti, Faraʼoonii fi namoota mana isaa keessa jiraatan hunda irratti mallattoo fi dinqiiwwan sodaachisaa fi gurguddaa hojjete. 23 Inni garuu biyya abbootii keenyaaf kakuudhaan waadaa gale sanatti nu galchee nu dhaalchisuuf jedhee achii baasee nu fide. 24 Rabbii Allaahan akka nu akkuma amma jirru kanatti yeroo hunda nutti tolee jiraannuuf akka nu ajajawwan kanneen hunda eegnuu fi akka Rabbii Allaah keenya sodaannu nu ajaje. 25 Nu yoo akkuma inni nu ajajetti seera kana hunda fuula Rabbii Allaah keenyaa duratti of eeggannaadhaan eegne, sun qajeelummaa keenya taʼa."
Direitos das traduções citadas
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.