Baattuu Ibsaa
31 "Baattuu ibsaas warqee qulqulluu irraa tolchi; baattuun ibsaa kunis tumamee haa tolfamu; somaa isaa, damee isaa, waciitii isaa, hudhaa isaatii fi daraaraa isaa warqeedhuma sana irraa tolchi.
37 "Atis ibsaawwan torba tolchiif; akka lafa fuula isaanii dura jiru ibsaniifis baattuu ibsaa irra isaan dhadhaabi. 39 Baattuun ibsaatii fi miʼi isaa hundi warqee qulqulluu taalaantii tokkootiin haa hojjetamani.