Pular para o conteúdo
Publicidade

Baʼuu 32:11-14,32

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

11 Museen garuu fuula gargaarsa Waaqayyo Waaqa isaa barbaaddate; akkanas jedhe; "Yaa Waaqayyo, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa? 12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin. 13 Garboota kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan samii irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu." 14 Kana irratti Waaqayyo yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.

32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi."

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    11 ሙሴን ገሩ ፉለ ገርጋርሰ ዋቀዮ ዋቀሳ በርባደቴ፤ አከነስ ጄዼ፤ "ያ ዋቀዮ፣ ዼከምስኬ ማሊፍ ሰበኬ ወረ አት ሁምነ ጉዳፊ እሬ ጀባዻን ብየ ግብጢቲ ባፍቴ ሰነት ቦበአ? 12 ወር ግብጢ ማሊፍ፣ ‘እን ዱሩመዩ ያደ ሀማዻን ቱሉወንረት እሳን ፍጡፊ ለፈራ እሳን በሌሱፍ ግብጢ እሳን ባሴ?’ ጄዹ። ኣሪኬ ቦበኣ ሰነራ ዴብእ፤ ኦብስስ፤ ሰበ ኬትስ በዲሰ ህንፍድን። 13 ገርቦተኬ አብረሃም፣ ይስሃቂፊ እስራኤልን ወረ፣ ‘አን ሰኚኬ አከ ኡርጂወን ሰሚራ ነንባይእሰ፤ ለፈ አን ዋዳ እሳኒፍ ሴኔ ከነ ሁንደስ ሰኚኬሰኒፍ ነንኬነ፤ እሳንስ በረ በራን ለፈ ሰነ ንዻሉ’ ጄቴ መቃኬቲን ከከቴፍ ሰነ ያደዹ።" 14 ከነረት ዋቀዮ ያደ ጌደረቴ በዲሰ ሰበሳት ፍዱፍ ቱሬ ሰነ ዺሴ።

    32 ተኡስ ማሎ አመ ጩቡሳኒ ዺሲፍ፤ ዮ ከና አች ክታበ በሬስቴ ሰነ ኬሳ መቃኮ ሀቅ።"

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    11 Muusaan garuu fuula gargaarsa Rabbii Allaah isaa barbaaddate; akkanas jedhe; "Rabbii Allaah, dheekkamsi kee maaliif saba kee warra ati humna guddaa fi irree jabaadhaan biyya Gibxiitii baafte sanatti bobaʼa? 12 Warri Gibxii maaliif, ‘Inni duruma iyyuu yaada hamaadhaan tulluuwwan irratti isaan fixuu fi lafa irraa isaan balleessuuf Gibxii isaan baasee?’ jedhu. Aarii kee bobaʼaa sana irraa deebiʼi; obsis; saba keettis badiisa hin fidin. 13 Garboota kee Ibraahim, Yisihaaqii fi Israaʼelin warra, ‘Ani sanyii kee akka urjiiwwan shamaayʼun irraa nan baayʼisa; lafa ani waadaa isaaniif seene kana hundas sanyii keessaniif nan kenna; isaanis bara baraan lafa sana ni dhaalu’ jettee maqaa keetiin kakatteef sana yaadadhu." 14 Kana irratti Rabbii Allaahan yaada geeddaratee badiisa saba isaatti fiduuf ture sana dhiise.

    32 Taʼus maaloo amma cubbuu isaanii dhiisiif; yoo kanaa achi kitaaba barreessite sana keessaa maqaa koo haqi."

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.