Hidhamuun Phaawulos Wangeela Babalʼise
12 Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan wangeela babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada. 13 Kanaanis Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera. 14 Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Waaqaa sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.