Pular para o conteúdo
Publicidade

Galaatiyaa 4:21-26

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

Aggaarii fi Saaraa

21 Warri seera jala jiraachuu barbaaddan mee natti himaa; isin waan seerri jedhu hin dhageenyee? 22 "Abrahaam ilmaan lama qaba ture; tokko dubartii garbittii irraa, kaan immoo dubartii birmaduu irraa dhalate" jedhamee barreeffameeraatii. 23 Ilmi isaa inni dubartii garbittii irraa dhalate akka fedhii fooniitti dhalate; inni dubartii birmaduu irraa dhalate immoo akka waadaatti dhalate.

24 Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Aggaar. 25 Egaa Aggaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii. 26 Yerusaalem isheen samii irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    21 ወር ሴረ ጀለ ጅራቹ በርባደን ሜ ነት ህማ፤ እስን ዋን ሴር ጄዹ ህንዸጌኜ? 22 "አብረሃም እልማን ለመ ቀበ ቱሬ፤ ቶኮ ዱበርቲ ገርብቲራ፣ ካንሞ ዱበርቲ ብርመዱራ ዸለቴ" ጄዸሜ በሬፈሜራቲ። 23 እልምሳ እን ዱበርቲ ገርብቲራ ዸለቴ አከ ፌዺ ፎኒት ዸለቴ፤ እን ዱበርቲ ብርመዱራ ዸለቴሞ አከ ዋዳት ዸለቴ።

    24 ኩንስ አከ ፈኬኛት ፉዸተሙ ደንደአ፤ ዱበርቶትን ኩኔን ከኩወን ለማን አርግሲሱ። ከኩን ቶኮ ከን ቱሉ ሲናት፤ ኩንስ ገርቡማፍ እጆሌ ሆርት፤ እሼንስ አጋር። 25 ኤጋ አጋር አከ ቱሉ ሲና እሰ ብየ አረባ ኬሳት፤ እሼንስ መጋላ ዬሩሳሌም እሼ ዬሮ አማት ፈኬፈምት፤ መጋላን ኩን እጆሌሼ ወጅን ገርቡማ ኬሰ ጅርቲቲ። 26 ዬሩሳሌም እሼን ሰሚራ ገሩ ብርመዱዸ፤ እሼንስ ሃዸኬኘ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    21 Warri seera jala jiraachuu barbaaddan mee natti himaa; isin waan seerri jedhu hin dhageenyee? 22 "Ibraahim ilmaan lama qaba ture; tokko dubartii garbittii irraa, kaan immoo dubartii birmaduu irraa dhalate" jedhamee barreeffameeraatii. 23 Ilmi isaa inni dubartii garbittii irraa dhalate akka fedhii fooniitti dhalate; inni dubartii birmaduu irraa dhalate immoo akka waadaatti dhalate.

    24 Kunis akka fakkeenyaatti fudhatamuu dandaʼa; dubartoonni kunneen kakuuwwan lamaan argisiisu. Kakuun tokko kan Tulluu Siinaa ti; kunis garbummaaf ijoollee horti; isheenis Haagaari. 25 Egaa Haagaar akka Tulluu Siinaa isa biyya Arabaa keessaa ti; isheenis magaalaa Yerusaalem ishee yeroo ammaatti fakkeeffamti; magaalaan kun ijoollee ishee wajjin garbummaa keessa jirtiitii. 26 Yerusaalem isheen shamaayʼun irraa garuu birmaduu dha; isheenis haadha keenya.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.