25 Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. 26 Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, "Kun ekeraa dha" jedhanii iyyan.
27 Yesuus garuu yommusuma, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee isaanitti dubbate.