Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 18:6-9

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

6 "Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture. 7 Sababii wantoota akka namoonni gufatan godhan sanaatiif addunyaaf wayyoo! Wantoonni akkanaa dhufuu qabu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufan sanaaf wayyoo! 8 Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. 9 Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda gahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya.

18:12-14 kwf – Luq 15:4-7

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    6 "ነምን ከምዩ ወረ ነት አመነን ጥጥና ከኔን ኬሳ ቶኮሌ ዮ ጉፈቺሴ፣ ዸጋን ዳኩ ጉዳንሳ ሞርመሳት ህዸሜ ቱጁበ ገላና ኬሰ ዽዽሙ እሳፍ ወየ ቱሬ። 7 ሰበቢ ወንቶተ አከ ነሞትን ጉፈተን ጎዸን ሰናቲፍ አዱኛፍ ወዮ! ወንቶትን አከና ዹፉ ቀቡ፤ ገሩ ነመ ወንቶትን ኩኔን ከራሳቲን ዹፈን ሰናፍ ወዮ! 8 ዮ ሀርክኬ ዮካን ሚልኬ ስ ጉፈቺሴ፣ ኦፍራ ኩቲ ገት። ሀርከ ለመ ዮካን ሚለ ለመ ቀባቴ እብደ በረ በራት ደርበተሙረ፣ ዶሉ ታቴ ዮካን ላምሾፍቴ ጅሬኘት ገሉ ሲፍ ወየ። 9 ዮ እጅኬ ስ ጉፈቺሴ ኦፍ ኬሳ ባሲ ገት። እጀ ለመ ቀባቴ እብደ ገሃነሚት ደርበተሙረ እጀ ቶኮ ቀባቴ ጅሬኘት ገሉ ሲፍ ወየ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    6 "Namni kam iyyuu warra natti amanan xixinnaa kanneen keessaa tokko illee yoo gufachiise, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujuba galaanaa keessa dhidhimuu isaaf wayya ture. 7 Sababii wantoota akka namoonni gufatan godhan sanaatiif addunyaaf wayyoo! Wantoonni akkanaa dhufuu qabu; garuu nama wantoonni kunneen karaa isaatiin dhufan sanaaf wayyoo! 8 Yoo harki kee yookaan miilli kee si gufachiise, of irraa kutii gati. Harka lama yookaan miilla lama qabaattee ibidda bara baraatti darbatamuu irra, dooluu taatee yookaan laamshoftee jireenyatti galuu siif wayya. 9 Yoo iji kee si gufachiise of keessaa baasii gati. Ija lama qabaattee ibidda jahaannamiitti darbatamuu irra ija tokko qabaattee jireenyatti galuu siif wayya.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.