31 "Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?"
Isaanis, "Isa jalqabaa ti" jedhan.
Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Waaqaatti ni galu. 32 Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
21:33-46 kwf – Mar 12:1-12; Luq 20:9-19