Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 6:1-4,6

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

Rakkataaf Waa Kennuu

1 "Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.

2 "Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. 3 Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; 4 kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

6:9-13 kwf – Luq 11:2-4

6 Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    1 "አከ እሳን እስን አርገኒፍ ጄተኒ ‘ሆጂ ቀጄሉማ ኬሰን ፉለ ነሞታ ዱረት አከ ህንሆጄትኔፍ ኦፍ ኤገዻ። ዮ አከስ ጎተን አባኬሰን ከን ሰሚራ ብራ ገቲ ህንቀባተኒቲ።

    2 "ከናፉ አት ዮሙ ወረ ረከተኒፍ ዋ ኬንቱት አከ ፈኬስቶትን ነሞተ ብረት ጀጀሙፍ ጄዸኒ መኔን ሰገዳ ኬሰቲፊ ከራረት ጎዸን ሰነ መለከታን ህንለብሰትን። አን ዹጉመን እስንት ህመ፤ እሳን ገቲሳኒ አርገተኒሩ። 3 ዬሮ አት ረከቶታፍ ዋ ኬንቱት ገሩ ዋን ሀርክኬ ምርጋ ጎዹ፣ ሀርክኬ ብታ ህንቤክን፤ 4 ኩንስ አከ ኬናንኬ ዾክሳን ተኡፍ። አባንኬ እን ዋን ዾክሳት ሆጄተሙ አርጉ ሱን እፋን እፈት ገቲ ሲፍ ኬነ።

    6 አት ገሩ ዬሮ ከዸቱ መነኬት ኦል ገል፤ በልበለ ጩፈዹቲ አባኬ እሰ ህንሙልአትኔ ሰነ ከዸዹ። አባንኬ እን ዋን ዾክሳት ሆጄተሙ አርጉ ሱን እፋን እፈት ገቲ ሲፍ ኬነ።

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    1 "Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan shamaayʼun irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.

    2 "Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru. 3 Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin; 4 kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

    6 Ati garuu yeroo duʼaa gootu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana duratti duʼaa godhi. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.