Pular para o conteúdo
Publicidade

Maatewos 6:26-30

HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

26 Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?

28 "Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. 29 Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. 30 Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?

Em outras traduções

  1. ONOCV New Oromo Contemporary Version

    26 ሜ ስምብሮተ ሰሚ እላላ፤ እሳን ህንፈጫፈተን ዮካን ህንሃመተን ዮካን ጎምብሳት ህንገልፈተን፤ ተኡስ አባንኬሰን እን ሰሚራ እሳን ሶረ። እስንሞ እሳን ጫላ ገቲ ጉዳ ቀብዱ ምቲ? 27 እስን ኬሳ ነምን ያደኡዻን ሆጃሳረት ዹንዹመ ቶኮ ደበለቹ ደንደኡ ኤኙ?

    28 "እስን ማሊፍ ዋኤ ኡፈታ ያዶፍቱ? ደራራወን ድሬ አከምት አከ ጉደተን ሜ እላላ። እሳን ህንዸመአን ዮካን ህንፎአን። 29 አን ገሩ እስንትን ህመ፤ ሶሎሞንዩ ኡልፍነሳ ሁንደ ኬሰት፣ አከ ቶኮሳኒት ህንኡፈትኔ። 30 እስን ያ ወረ አመንቲ ጥኖነነ። ዋቅን ኤርገ መርገ ድሬ ከን ሀርአ ጅሩፊ ከን ቦርሞ እብደት ነቀሙትዩ አከስት ኡፍሴ፣ እስንትሞ ጉዳ ጫልችሴ ህንኡፍሱሬ?

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    26 Mee simbirroota shamaayʼun ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni shamaayʼun irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii? 27 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?

    28 "Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan. 29 Ani garuu isinittin hima; Suleyimaan iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne. 30 Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Allaahan erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.