Pular para o conteúdo
Publicidade

Ruut 4:13-22

Hidda Dhaloota Daawit

13 Kanaafuu Boʼeez Ruutin fudhatee niitii godhate. Ishee wajjinis ciise; Waaqayyos akka isheen ulfooftee ilma deessu ishee gargaare. 14 Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; "Waaqayyo inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu! 15 Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii."

16 Naaʼomiinis mucicha fuutee hammatte; guddiftuu isaa illee taate. 17 Dubartoonni ollaas, "Naaʼomiin mucaa argatte" jedhan. Maqaa isaas Oobeedi jedhan. Inni akaakayyuu Daawit, abbaa Isseey.

18 Egaa hiddi dhaloota Faares kanaa dha:

Faares abbaa Hezroon;

19 Hezroon immoo abbaa Raam;

Raam abbaa Amiinaadaab;

20 Amiinaadaab immoo abbaa Nahishoon;

Nahishoon abbaa Salmoon;

21 Salmoon immoo abbaa Boʼeez;

Boʼeez immoo abbaa Oobeedi;

22 Oobeedi immoo abbaa Isseey;

Isseey immoo abbaa Daawit.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Rute
Ver todos os capítulos de Rute