Waaʼee Boriitiif of jajuu
13 Egaa isin warri, "Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna" jettan mee dhagaʼaa. 14 Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha. 15 Qooda kanaa isin, "Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna" jechuu qabdu.