Pular para o conteúdo
Publicidade

1 ተሰሎኒቄ 4:13-18

ONOCV New Oromo Contemporary Version

አመንቶተ ወረ ሉቡን ህንጅሬ

13 ያ ኦቦሎተ፣ ኑ አከ እስን ዋኤ ወረ ረፈን ሰና ወላልተን ዮካን አከ ነሞተ አብዲ ህንቀብኔ ካኒት ገድተን ህንበርባድኑ። 14 ኑ ኤርገ አከ ዬሱስ ዱኤ ዱኣ ከኤ አመኔ አከሱመሞ ዋቅን ወረ ዬሱስት አመነኒ ረፈን ሰነ አከ እሱመ ወጅን ካሱ ንአመነ። 15 ወን ኑ አከ ዱቢ ጎፍታት እስንት ህምኑ ከነ፤ ኑ ወር ሉቡን ጅሩ ከኔን ሀመ ዹፋቲ ጎፍታት ጅራትኑ ጎንኩማ ወረ ረፈን ሰነ ህንዱርስኑ። 16 ጎፍታን መታንሳ አጀጃን፣ ሰገሌ ኤርገማ ሀንገፋቲፊ ሰገሌ መለከተ ዋቃቲን ሰሚራ ንቡአ፤ ወር ክርስቶስት አመነኒ ዱአንስ ጀልቀበት ንከኡ። 17 ኤርገሲሞ ኑ ወር ሀፍኔ ሉቡን ጅሩ ቅሌንሰረት ጎፍታ ስመቹፍ እሳን ወጅን ዱሜሳን ኦል ፉዸተምነ። አከሱመስ በረ በራን ጎፍታ ወጅን ንጅራትነ። 18 ከናፉ ዱቢ ከናን ወል ጀጀቤሳ።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    13 Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. 14 Nu erga akka Yesuus duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Waaqni warra Yesuusitti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna. 15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu. 16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee ergamaa hangafaatii fi sagalee malakata Waaqaatiin samii irraa ni buʼa; warri Kiristoositti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. 17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. 18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    13 Yaa obboloota, nu akka isin waaʼee warra rafan sanaa wallaaltan yookaan akka namoota abdii hin qabne kaaniitti gadditan hin barbaannu. 14 Nu erga akka Iisaan duʼee duʼaa kaʼe amannee akkasuma immoo Allaahan warra Iisaatti amananii rafan sana akka isuma wajjin kaasu ni amanna. 15 Wanni nu akka dubbii Gooftaatti isinitti himnu kana; nu warri lubbuun jirru kanneen hamma dhufaatii Gooftaatti jiraannu gonkumaa warra rafan sana hin dursinu. 16 Gooftaan mataan isaa ajajaan, sagalee malaʼikkaa hangafaatii fi sagalee malakata Allaahatiin shamaayʼun irraa ni buʼa; warri Al-Masiihitti amananii duʼanis jalqabatti ni kaʼu. 17 Ergasii immoo nu warri hafnee lubbuun jirru qilleensa irratti Gooftaa simachuuf isaan wajjin duumessaan ol fudhatamna. Akkasumas bara baraan Gooftaa wajjin ni jiraanna. 18 Kanaafuu dubbii kanaan wal jajjabeessaa.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

1 Tessalonicenses
Ver todos os capítulos de 1 Tessalonicenses