Pular para o conteúdo
Publicidade

በኡ 18:19-23

ONOCV New Oromo Contemporary Version

19 አን ጎርሰ ሲፍን ኬናቲ አመ ነ ዸገእ፤ ዋቅን ስ ወጅን ሃተኡ። አት ፉለ ዋቃ ዱረት እዶ ቡኣ ሰባ ታቴ ዽመሳኒ ዋቀት ፍዱ ቀብደ። 20 ስርናፊ ሴረ እሳን በርሲስ፤ አከ እሳን እት ጅራቹ ቀበኒፊ ዋን እሳን ሆጄቹ ቀበን እሳንት አርግሲስ። 21 ከነ መሌስ አት ሰበ ሁንደ ኬሳ ነሞተ ደንዴቲ ቀበን ጄቹንስ፣ ነሞተ ዋቀ ሶዳተን፣ ነሞተ አመነሞ ከኔን መተኣ ጅበን ፍለዹቲ አጀጁወን ኩማ፣ አጀጁወን ዽባ፣ አጀጁወን ሸንተማቲፊ አጀጁወን ኩዸኒ ጎዺ ሙደዹ። 22 እሳን ዬሮ ሁንደ ሰባፍ ሙርቲ ሃኬነን፤ ዱቢ ጭማ ሁንደ ገሩ ስት ሃፍደን፤ ዱቢ ላዮሞ ኦፉማን ሃሙርቴሰን። ኩን በኣኬ ሲፍ ሰልጵሰ፤ እሳን ስ ወጅን በኣ ንባቱቲ። 23 ዮ አት ዋን ከነ ጎቴ፣ ዮ ዋቅንስ ዋኑመ ከነ ስ አጀጄ አት ጀባቴ ዻበቹ ደንዴሰ፤ ሰብን ኩን ሁንድስ ነጋዻን መነ ኦፊሳት ገለ።"

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Waaqni si wajjin haa taʼu. Ati fuula Waaqaa duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Waaqatti fiduu qabda. 20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. 21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Waaqa sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. 22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Waaqnis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala."

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    19 Ani gorsa siif kennaatii amma na dhagaʼi; Allaahan si wajjin haa taʼu. Ati fuula Allaaha duratti iddoo buʼaa sabaa taatee dhimma isaanii Allaahatti fiduu qabda. 20 Sirnaa fi seera isaan barsiisi; akka isaan itti jiraachuu qabanii fi waan isaan hojjechuu qaban isaanitti argisiisi. 21 Kana malees ati saba hunda keessaa namoota dandeetii qaban jechuunis, namoota Allaah sodaatan, namoota amanamoo kanneen mattaʼaa jibban filadhuutii ajajjuuwwan kumaa, ajajjuuwwan dhibbaa, ajajjuuwwan shantamaatii fi ajajjuuwwan kudhanii godhii muudadhu. 22 Isaan yeroo hunda sabaaf murtii haa kennan; dubbii cimaa hunda garuu sitti haa fidan; dubbii laayyoo immoo ofumaan haa murteessan. Kun baʼaa kee siif salphisa; isaan si wajjin baʼaa ni baatuutii. 23 Yoo ati waan kana goote, yoo Allaahanis waanuma kana si ajaje ati jabaattee dhaabachuu dandeessa; sabni kun hundis nagaadhaan mana ofii isaatti gala."

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.