Pular para o conteúdo
Publicidade

ህስቅኤል 34:11-16

ONOCV New Oromo Contemporary Version

11 " ‘ዋቀዮ ጎፍታን አከነ ጄዻቲ፦ አን መታንኮ ሆሎተኮ ነንበርባደዸ፤ ነንትክፈዸስ። 12 አኩመ ትክሴን ቶኮ ዮሙ ቡሻዬሳ ብረ ጅሩት ሆሎተሳ ወረ ብትናአን በርባደቱ ሰነ አንስ ሆሎተኮ ነንበርባደዸ። አን ለፈ እሳን ጉያ ዱሜሳቲፊ ጉያ ዱከና እት ብትኔፈመን ሁንዳ ባሴ እሳን ነንገልፈዸ። 13 አንስ ሰቦተ ኬሳ እሳን ባሴ ብዮተ ኬሳሞ ወልት እሳን ነንቀበ፤ ብየሳኒትስ እሳን ነንዴብሰ። አን ጋረን እስራኤልራ፣ ቀርቀረ ቡርቃወኒቲፊ ለፈ ነምን ጅራቱ ከን ብየ ሰነ ኬሳ ሁንደ እሳን ነንትክፈዸ። 14 አን መርገ ጋሪ ኬሰ እሳን ነንትክሰ፤ ቱሉን እስራኤልስ እዶ ዼደሳኒ ተአ። እሳን አችት ለፈ ዼዳ ቶላሳረ ጭጪሱ፤ መርገ ምሳ ቱሉወን እስራኤል እራስ ንዼዱ። 15 አን መታንኮ ሆሎተኮ ነንትክፈዸ፤ አከ እሳን ቦቆተንስ ነንጎዸ፣ ጄዸ ዋቀዮ ጎፍታን። 16 ከኔን በደን ነንበርባደ፤ ከኔን ምልቀን ዴብሴ ነንገልቸ። ከን ጨቤ ነንህዸ፤ ከን ደዸቤሌ ነንጀጀቤሰ፤ ገበታፊ ጀባሳሞ ነንበሌሰ። አን ሙርቲ ቀጄላዻን ቡሻዬ ነንትክፈዸ።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    11 " ‘Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas. 12 Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha. 13 Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha. 14 Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu. 15 Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Waaqayyo Gooftaan. 16 Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    11 " ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaatii: Ani mataan koo hoolota koo nan barbaadadha; nan tikfadhas. 12 Akkuma tikseen tokko yommuu bushaayee isaa bira jirutti hoolota isaa warra bittinnaaʼan barbaaddatu sana anis hoolota koo nan barbaaddadha. Ani lafa isaan guyyaa duumessaatii fi guyyaa dukkanaa itti bittinneeffaman hundaa baasee isaan nan galfadha. 13 Anis saboota keessaa isaan baasee biyyoota keessaa immoo walitti isaan nan qaba; biyya isaaniittis isaan nan deebisa. Ani gaarran Israaʼel irra, qarqara burqaawwaniitii fi lafa namni jiraatu kan biyya sana keessaa hunda isaan nan tikfadha. 14 Ani marga gaarii keessa isaan nan tiksa; tulluun Israaʼelis iddoo dheeda isaanii taʼa. Isaan achitti lafa dheedaa tolaa isaa irra ciciisu; marga misaa tulluuwwan Israaʼel irraas ni dheedu. 15 Ani mataan koo hoolota koo nan tikfadha; akka isaan boqotanis nan godha, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan. 16 Kanneen badan nan barbaada; kanneen miliqan deebisee nan galcha. Kan cabe nan hidha; kan dadhabe illee nan jajjabeessa; gabbataa fi jabaa isaa immoo nan balleessa. Ani murtii qajeelaadhaan bushaayee nan tikfadha.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.