Pular para o conteúdo
Publicidade

ገላትያ 2:11,12,14

ONOCV New Oromo Contemporary Version

ጳዉሎስ ጴጥሮሲን ሞርሙሳ

11 ኬፋን ዋን ዶጎጎሬ ቱሬፍ ዬሮ እን አንጦኪያ ዹፌት አን እፋን እፈትን እሳን ሞርሜ። 12 ኡቱ ጀር ቶኮ ያቆብ ብራ ህንዹፍን ዱረ እን ነሞተ ኦርማ ወጅን ኛቻ ቱሬ። ዮሙ እሳን አች ገአንት ገሩ ዋን ገሬ ወረ ዸግነ ቀበተኒ ሶዳቴፍ ዱግደ ዱበት ዴብኤ ነሞተ ኦርማራ ገርገር በኤ።

14 አንስ ዮሙ አከ እሳን ዳንዲ ዹጋ ወንጌላረ ህንዴምኔ አርጌት ሁንደሳኒ ዱረት ኬፋን አከነ ጄዼ፤ "አት ይሁዲዸ፤ ገሩ ኡቱ አከ ይሁዲት ህንተእን አከ ነመ ኦርማት ጅራተ፤ ዮስ አት አከምት አከ ነሞትን ኦርማ በርቴ ይሁዶታ ዱካ ቡአን ድርቅሲፍተሬ?

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    11 Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme. 12 Utuu jarri tokko Yaaqoob biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe.

    14 Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa wangeelaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; "Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    11 Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme. 12 Utuu jarri tokko Yaaʼikuub biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe.

    14 Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa injiilaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; "Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.