Pular para o conteúdo
Publicidade

እያሱ 14:10-12

ONOCV New Oromo Contemporary Version

10 "ኤጋ ዋቀዮ አኩመ ዋዳ ገሌ ሰነት፣ ጋፈ ሙሴዻን አከስ ጄዼ ከን ዬሮ እስራኤል ገሞጂ ኬሰ አሲፊ አች ጆራ ቱሬ ጀልቀቤ ወጋ አፉርተሚ ሸን ነ ጅራችሴረ። ከናፉ አን ሀርአ ኩኖ ወጋ ሰዴተሚ ሸን ጉቴረ! 11 አን ሀርአስ አኩመ ጋፈ ሙሴን ነ ኤርጌ ሰና ጀባዸ፤ አን አኩመን ዱር ቱሬ ሰነ አመዩ ዱለ ዸቁፍ ጀባዸ። 12 ኤጋ አመ ብየ ጋራ ከን ዋቀዮ ጋፈ ሰነ ዋዳ ና ገሌ ከነ ና ኬን። አት መታንኬዩ አከ አናቆን አች ኬሰ ጅራተን፣ አከ መጋላወንሳኒ ጉርጉዳ ተአኒፊ ደላ ጀባን መርፈመን ጋፈስ ዸጌሴርተ፤ ዮ ዋቀዮ ነ ገርጋሬ ገሩ አን አኩመ ዋቀዮ ጄዼ ሰነት አርኤ እሳን ባሰ።"

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    10 "Egaa Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera! 11 Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha. 12 Egaa amma biyya gaaraa kan Waaqayyo gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Waaqayyo na gargaare garuu ani akkuma Waaqayyo jedhe sanatti ariʼee isaan baasa."

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    10 "Egaa Rabbii Allaahan akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Muusaadhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera! 11 Ani harʼas akkuma gaafa Muusaan na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha. 12 Egaa amma biyya gaaraa kan Rabbii Allaahan gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Rabbii Allaahan na gargaare garuu ani akkuma Allaahan jedhe sanatti ariʼee isaan baasa."

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.