5 "ዳኩ ቡላኣ ፉዺቲ ቡዴነ ኩዸ ለመ ቶልች፤ ቶኮን ቶኮን ቡዴነ ሰናስ ዳኩ ኢፊ24፥5 ኢፊን ቶኮ ኪሎ ግራሚ 40። ቶኮራ ሀርከ ኩዸን ኬሳ ሀርከ ለመ ለማን ሃቶልፈሙ። 6 ቡዴነ ከነስ ቶረ ቶኮ ኬሰ ጀአ ጀአ ጎዺቲ ምንጃለ ወርቄ ቁልቁሉራ ሆጄተሜ ፉለ ዋቀዮ ዱረ ጅሩረ ቶረ ለማን ካእ። 7 አከ እን ቆደ ቡዴነ ሰና ኩታ ያደኖቲፊ ኣርሳ እብዳን ዋቀዮፍ ዽኤፈሙ ተኡፍ ቶኮ ቶኮ ቶረ ሰናረ እጣነ ቁልቁሉ ካእ። 8 ቡዴን ኩንስ አከ ከኩ በረ በራ ተኤ ሰበ እስራኤል እዶ ቡኡፍ ዬሮ ሁንደ ሰንበቱመ ሰንበታን ፉለ ዋቀዮ ዱረ ሃካአሙ። 9 ቡዴን ኩን ቆደ አሮኒቲፊ እልማንሳት፤ እሳንስ ሰበቢ ቡዴን ኩን ቆደሳኒ ከን በረ በራ ከን ኣርሳ እብዳን ዋቀዮፍ ዽኤፈሜ ኬሳ ኩታ ዋን ሁንደ ጫላ ቁልቁላኤ ተኤፍ እዶ ቁልቁሉት እሰ ሃኛተን።"
ሌዎተ 24:5-9
Em outras traduções
- HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental
5 "Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii24:5 Iifiin tokko kiiloo giraamii 40. tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu. 6 Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra toora lamaan kaaʼi. 7 Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi. 8 Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Waaqayyoo dura haa kaaʼamu. 9 Buddeenni kun qooda Arooniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan."
- KQTAB Oromo Contemporary Scriptures
5 "Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii24:5 Iifiin tokko kiiloo giraamii 40. tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu. 6 Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Rabbii Allaah dura jiru irra toora lamaan kaaʼi. 7 Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi. 8 Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Rabbii Allaah dura haa kaaʼamu. 9 Buddeenni kun qooda Haaruuniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan."
Direitos das traduções citadas
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.