Pular para o conteúdo
Publicidade

ሮማ 12:1-3

ONOCV New Oromo Contemporary Version

ኣርሳ ጅራታ

1 ከናፉ ያ ኦቦሎተ፣ አከ እስን ዸግነኬሰን ኣርሳ ጅራታ፣ ቁልቁላኣፊ ከን ዋቀ ገመቺሱ ጎተኒ ዽኤስተኒፍ አን ገረ ላፍነ ዋቃቲን እስን ከዸዸ፤ ኩንስ ዋቄፈትናኬሰን ከን ሀፉራት። 2 ፌዺን ዋቃ ጋሪን፣ ገመቺሳኒፊ ከን ሙዳ ህንቀብኔ ማል አከ ተኤ ቆረተኒ አከ ምርከኔሱ ደንዴሰኒፍ ሃሮምፈሙ ቀልቢኬሰኒቲን ጌደረማ መሌ አዱኛ ከነ ህንፈካትና።

3 አን አያነ ናፍ ኬነሜን ቶኮ ቶኮኬሰን ነንጎርሳቲ፦ አከ መዳሊ አመንቲ ከን ዋቅን እስኒ ኬኔ ሰናት ቀልቤፈትናዻን ዋኤ ኦፊኬሰኒ ያዳ መሌ ሀመ ያዱ ቀብደኒ ኦልት ህንያድና።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    1 Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Waaqa gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Waaqaatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. 2 Fedhiin Waaqaa gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

    3 Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Waaqni isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    1 Kanaafuu yaa obboloota, akka isin dhagna keessan aarsaa jiraataa, qulqullaaʼaa fi kan Allaah gammachiisu gootanii dhiʼeessitaniif ani gara laafina Allaahatiin isin kadhadha; kunis waaqeffannaa keessan kan hafuuraa ti. 2 Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

    3 Ani ayyaana naa kennameen tokkoo tokkoo keessan nan gorsaatii: Akka madaalii amantii kan Allaahan isinii kenne sanaatti qalbeeffannaadhaan waaʼee ofii keessanii yaadaa malee hamma yaaduu qabdanii olitti hin yaadinaa.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.