Pular para o conteúdo
Publicidade

ያቆብ 3:5,6,17

ONOCV New Oromo Contemporary Version

5 አከሱመሞ አረብን ኩታ ዸግና ጥኖዸ፤ ዋን ጉርጉዳዻን ኦፍ ጀጀ። ቦሶን ሀመም ጉዳ ተኡዩ ቃንቄ እብዳ ጥናዻን አከ ጉበቱ ሁበዻ። 6 አረብን እብደ፤ ኩታወን ዸግና ኬሰትስ አዱኛ ሀምናት። እን ዸግነ ጉቱ ጡሬሰ፤ አዴምሰ ኡመማትስ እብደ ቀብሲሰ፤ ኦፊሳቲሞ እብደ ገሃነሚቲን ጉበመ።

17 ኦጉማን ሰሚራ ዹፉ ገሩ ዱራን ዱርሴ ቁልቁሉዸ፤ አከሱመስ ነጋ ቀቤሰ፤ ገራሚዸ፤ አጀጀማዸ፤ ከን አራራፊ እጀ ጋሪን ጉተሜዸ፤ ወል ጫልችሱፊ እት ፈኬሱስ ኦፍ ኬሳ ህንቀቡ።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. 6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.

    17 Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    5 Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa. 6 Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda jahaannamiitiin gubama.

    17 Ogummaan shamaayʼun irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.