Pular para o conteúdo
Publicidade

10 Milagres de Jesus na Bíblia: Lista com versículos e explicação

Por Bíblia Online

Os milagres de Jesus são muito mais do que demonstrações de poder sobrenatural; eles são sinais que confirmam sua divindade e missão. Ao longo dos Evangelhos, vemos Cristo curando enfermos, dominando a natureza e vencendo a morte.

Neste guia, selecionamos 10 milagres de Jesus na Bíblia, organizados com referências e uma breve explicação sobre o impacto espiritual de cada um deles.

Os principais milagres de Jesus nos Evangelhos

1. Transformação da Água em Vinho

  • Referência: João 2:1-11

  • Explicação: Ocorreu nas Bodas de Caná. Sendo o seu primeiro milagre público, Jesus demonstrou autoridade sobre a matéria e a natureza, revelando sua glória aos discípulos e abençoando a instituição da família.

Yesuus Bishaan Gara Daadhii Wayiniitti Geeddaruu Isaa

Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Yesuusiis achi turte; Yesuusii fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan. Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Yesuus, "Jarri daadhii wayinii hin qaban" isaan jette.

Yesuus immoo deebisee, "Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye" jedheen.

Haati isaas tajaajiltootaan, "Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa" jette.

Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.

Yesuus tajaajiltootaan, "Gaaniiwwanitti bishaan guutaa" jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.

Innis, "Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa" jedheen.

Isaanis akkasuma godhan; abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee akkana jedheen; "Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite."

Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.

2. Cura do cego de nascença

  • Referência: João 9:1-12

  • Explicação: Jesus usa lodo para curar um homem que nunca havia enxergado. Este milagre prova que Ele é a Luz do Mundo e tem poder para restaurar o que nasceu com defeito.

Yesuus Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa

Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. Barattoonni isaas, "Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?" jedhanii isa gaafatan.

Yesuusis akkana jedhee deebise; "Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti. Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa. Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti."

Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe. Innis namicha sanaan, "Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu" jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.

Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, "Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?" jedhan. Namoonni tokko tokko, "Eeyyee, isa" jedhan.

Kaan immoo, "Miti, isa fakkaata malee" jedhan.

Inni garuu, "Namichi sun anuma" jedhe.

Jarris, "Iji kee akkamitti baname ree?" jedhaniin.

Innis deebisee, "Namicha Yesuus jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhunaan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe."

Isaanis, "Namichi sun eessa jira?" jedhanii isa gaafatan.

Inni immoo, "Ani hin beeku" jedheen.

3. Multiplicação dos pães e peixes

  • Referência: Mateus 14:13-21

  • Explicação: Com apenas cinco pães e dois peixes, Jesus alimentou mais de 5 mil homens. Este sinal revela Cristo como o Pão da Vida, aquele que supre todas as nossas necessidades.

Yesuus Nama Kuma Shan Sooruu Isaa

Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan. Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.

Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, "Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi" jedhaniin.

Yesuus garuu, "Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii" jedhee deebise.

Isaanis, "Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna" jedhanii deebisan.

Yesuusis, "Isuma natti fidaa" jedhe. Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan. Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban. Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.

4. Jesus acalma a tempestade

  • Referência: Marcos 4:35-41

  • Explicação: Com uma ordem, o vento e o mar se aquietam. O milagre ensina sobre a paz que excede o entendimento e a autoridade do Messias sobre a criação.

Yesuus Bubbee Gab Gochuu Isaa

Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, "Kottaa gama ceenaa" isaaniin jedhe. Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan. Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, "Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?" jedhaniin.

Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, "Calʼisi! Gab jedhis!" jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

Innis barattoota isaatiin, "Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?" jedhe.

Isaanis akka malee sodaatanii, "Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?" jedhanii wal gaafatan.

5. Cura da mulher com fluxo de sangue

  • Referência: Marcos 5:25-34

  • Explicação: Uma cura que aconteceu pelo toque da fé. Jesus mostra que está atento ao sofrimento individual e que a fé é o canal para receber o milagre.

Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.

Yesuusis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.

Barattoonni isaas deebisanii, "Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, Eenyutu na tuqe? jettee gaafattaa?" jedhan.

Yesuus garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. Innis, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi" jedheen.

6. Libertação do endemoninhado Gadareno

  • Referência: Marcos 5:1-20

  • Explicação: Jesus liberta um homem dominado por uma legião de espíritos. É a prova clara de sua autoridade absoluta sobre o reino das trevas.

Yesuus Nama Hafuura Hamaan Qabame Tokko Fayyise

Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan. Yommuu Yesuus bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo awwaalaatii baʼee isatti dhufe. Namichi kun iddoo awwaalaa jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye. Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo awwaalaa keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.

Innis yommuu Yesuusin fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate. Sagalee ol fudhatee iyyees, "Yaa Yesuus Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Waaqaatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!" jedheen. Yesuusis, "Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!" jedheenii tureetii.

Yesuusis, "Maqaan kee eenyu?" jedhee isa gaafate.

Innis, "Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon" jedhee deebise. Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Yesuusin kadhate.

Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture. Hafuuronni hamoon sunis, "Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami" jedhanii Yesuusin kadhatan. Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.

Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan. Isaanis yommuu gara Yesuus dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis. Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan. Kana irratti jarri akka Yesuus biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.

Utuu Yesuus bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate. Yesuus garuu, "Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!" jedheen malee hin eeyyamneef. Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Yesuus isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.

7. Ressurreição da filha de Jairo

  • Referência: Marcos 5:21-43

  • Explicação: Jesus demonstra que a morte para Ele é como o sono. Ele restaura a vida de uma criança, trazendo esperança para uma família desesperada.

Durba Duutee fi Dubartii Dhukkubsatte Tokko

Yommuu Yesuus bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture. Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Yesuusin argetti, miilla isaa irratti kufee, "Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi" jedhee jabeessee isa kadhate. Kanaafuu Yesuus isa wajjin dhaqe.

Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan. Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte. Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne. Isheenis yommuu waaʼee Yesuus dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe. Isheen, "Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya" jettee yaaddee turteetii. Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.

Yesuusis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, "Eenyutu uffata koo tuqe?" jedhee gaafate.

Barattoonni isaas deebisanii, "Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, Eenyutu na tuqe? jettee gaafattaa?" jedhan.

Yesuus garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale. Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte. Innis, "Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi" jedheen.

Utuu Yesuus dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, "Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?" jedhan.

Yesuus garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, "Amani malee hin sodaatin!" jedhe.

Innis Phexros, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne. Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Yesuus uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge. Innis ol seenee, "Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune" jedheen. Isaan garuu isatti kolfan.

Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene. Innis harka ishee qabee, "Xaaliitaa quumii!" jedheen; kunis, "Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!" jechuu dha. Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan. Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.

8. Jesus anda sobre as águas

  • Referência: Mateus 14:22-33

  • Explicação: Ao caminhar sobre o Mar da Galileia, Jesus mostra que não está sujeito às leis da física. O episódio também serve para tratar a fé e a dúvida no coração de Pedro.

Yesuus Bishaan irra Deeme

Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise. Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture; yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.

Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe. Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, "Kun ekeraa dha" jedhanii iyyan.

Yesuus garuu yommusuma, "Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa" jedhee isaanitti dubbate.

Phexros immoo, "Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji" jedhee deebiseef.

Yesuusis, "Kottu" jedheen.

Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe. Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, "Yaa Gooftaa na oolchi!" jedhee iyye.

Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, "Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?" jedheen.

Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe. Warri bidiruu sana keessa turanis, "Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!" jedhanii isaaf sagadan.

9. Cura do paralítico

  • Referência: Marcos 2:1-12

  • Explicação: Jesus cura o corpo, mas primeiro perdoa os pecados. Este milagre estabelece que sua missão principal é a reconciliação espiritual do homem com Deus.

Yesuus Nama Dhagni Irratti Duʼe Tokko Fayyisuu Isaa

Yesuus guyyaa muraasa booddee Qifirnaahomitti deebiʼe; namoonnis akka inni mana jiru dhagaʼan. Namoonni akka malee baayʼatan walitti qabamnaan iddoon dhabamee balballi durris dhiphate; innis dubbicha isaanitti lallabaa ture. Jarri tokko nama dhagni irratti duʼe kan namoota afuriin baatame tokko gara isaa fidan. Isaanis sababii baayʼina namaatiif namicha sana Yesuusitti dhiʼeessuu dadhabanii qixa Yesuus tureen bantii manaa saaqanii siree namichi dhagni irratti duʼe irra ciise sana gad buusan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.

Barsiistota seeraa keessaa tokko tokko achi tataaʼanii garaa isaanii keessatti, "Namichi kun maaliif akkana dubbata? Inni Waaqa arrabsa! Waaqa tokkicha malee eenyutu cubbuu namaaf dhiisuu dandaʼa?" jedhanii yaadan.

Yesuusis yeruma sana akka wanni isaan garaa isaanii keessatti yaadaa turan kana taʼe hafuuraan beekee akkana jedheen; "Isin maaliif waan kana yaaddu? Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, Cubbuun kee siif dhiifameerajechuu moo Kaʼii siree kee fudhadhuu deemijechuutu salphaa dha? Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha sanaan, "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe. Innis kaʼee, yommusuma siree isaa fudhatee utuma isaan hundinuu arganuu baʼe deeme. Kunis hunda isaanii dinqisiise; isaanis, "Nu takkumaa waan akkanaa arginee hin beeknu!" jedhanii Waaqa jajan.

10. Ressurreição de Lázaro

  • Referência: João 11:1-44

  • Explicação: O milagre mais impactante antes da crucificação. Ao ressuscitar alguém morto há quatro dias, Jesus declara: "Eu sou a ressurreição e a vida".

Duʼuu Alʼaazaar

Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha. Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha. Kanaaf obboleettonni isaa, "Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira" jedhanii Yesuusitti dhaaman.

Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, "Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu" jedhe. Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture. Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture. Innis ergasii barattoota isaatiin, "Kottaa Yihuudaatti deebinaa" jedhe.

Barattoonni isaa immoo, "Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?" jedhaniin.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu. Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata."

Innis erga waan kana dubbatee booddee, "Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa" isaaniin jedhe.

Barattoonni isaas, "Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya" jedhaniin. Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.

Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; "Alʼaazaar duʼeera; akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa."

Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, "Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa" jedhe.

Yesuus Obboleettota Alʼaazaar Jajjabeessuu Isaa

Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke. Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte; Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan. Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse.

Maartaanis Yesuusiin akkana jette; "Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka."

Yesuusis, "Obboleessi kee ni kaʼa" jedheen.

Maartaanis deebiftee, "Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka" jetteen.

Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"

Isheenis, "Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana" jetteen.

Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, "Barsiisaan dhufeera; si waamas" jetteen. Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe. Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne. Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.

Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, "Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture" jetteen.

Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates. Innis, "Eessa isa keessan?" jedhee isaan gaafate.

Isaanis, "Yaa Gooftaa, kottuu ilaali" jedhaniin.

Yesuusis imimmaan dhangalaase.

Yihuudoonnis, "Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!" jedhan.

Isaan keessaa tokko tokko garuu, "Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?" jedhan.

Yesuus Alʼaazaarin Duʼaa Kaase

Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture. Yesuusis, "Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!" jedhe.

Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, "Yaa Gooftaa, inni erga awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa" jetteen.

Yesuus immoo, "Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?" jedheen.

Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; "Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha. Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe."

Yesuusis waan kana dubbatee, "Alʼaazaar, as baʼi!" jedhee sagalee guddaadhaan iyye. Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe.

Yesuusis, "Isa hiikaa, haa deemu" isaaniin jedhe.

Conclusão

Os milagres de Jesus revelam sua autoridade sobre a natureza, as enfermidades, o mundo espiritual e até a morte. Eles não são apenas demonstrações de poder, mas sinais que apontam para sua identidade e missão.

Ao estudar esses milagres, é possível compreender melhor o papel de Jesus e a mensagem central do Evangelho.

Se este conteúdo ajudou você a entender os milagres de Jesus na Bíblia, compartilhe este artigo para que mais pessoas também conheçam esses ensinamentos.

Edineia Fernandes
1 pessoa deu Amém