A fé vem pelo ouvir
A fé vem pelo ouvir, e o ouvir pela Palavra de Cristo. Quando a Palavra é proclamada, a fé nasce nos corações. Ouvir a Deus é o primeiro passo para crer e seguir.
A fé vem pelo ouvir
A fé vem pelo ouvir, e o ouvir pela Palavra de Cristo. Quem ouve a Palavra crê e obtém a salvação eterna.
Yihuudii fi Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiruutii; Gooftuma tokkicha sanatu Gooftaa hundaa ti; innis warra isa waammatan hunda eebba isaatiin badhaasa. "Namni maqaa Gooftaa waammatu hundinuu ni fayyaatii."
Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, "Miilli warra wangeela fidanii akkam miidhagaa dha!" jedhamee barreeffamee dha.
Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, "Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?" jedhaatii. Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?
Isinis dubbii dhugaa jechuunis wangeela fayyina keessanii dhageessanii Kiristoositti amantanii, Hafuura Qulqulluu waadaa galame sanaan chaappeffamtan; innis warri kan Waaqayyoo taʼan galata ulfina isaatiif yeroo furamanitti wanta nu argachuuf jirruuf qabdii keenya.
"Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera.
Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’ jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge. Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.
Ouvir e obedecer
Felizes os que ouvem a Palavra de Deus e a praticam. Quem tem ouvidos ouça o que o Espírito diz.
Inni garuu deebisee, "Kana caalaa iyyuu, warri dubbii Waaqaa dhagaʼanii ajajamaniif eebbifamoo dha" jedhe.
Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu."
Innis akkana isaaniin jedhe; "Gara addunyaa hundaa dhaqaa; uumama hundumattis wangeela lallabaa.
Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha:
" ‘Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;
ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.
Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;
gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;
ija isaaniis dunuunfataniiru.
Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,
gurra isaaniitiin dhagaʼanii,
qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan;
anis isaan nan fayyisa ture.’
Iji keessan garuu waan arguuf eebbifamaa dha; gurri keessanis waan dhagaʼuuf eebbifamaa dha.
Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; "Dhagaʼaa; hubadhaas.
Gurra naaf kennaatii gara koo kottaa;
akka lubbuun keessan jiraattuufis na dhagaʼaa.
Ani kakuu bara baraa isin wajjin nan gala;
innis jaalala amanamaa isa Daawit abdachiifame sanaa dha;
Innis, "Dhaqiitii akkana jedhii saba kanatti himi:
" ‘Dhagaʼuu ni dhageessu; garuu hin hubattan;
arguus inuma argitu; garuu hin qalbeeffattan!’
Qalbii saba kanaa doomsi;
gurra isaanii cuqqaali;
ija isaaniis cufi.
Yoo kanaa achii isaan ija ofii isaaniitiin arganii
gurra isaaniitiin dhagaʼanii
qalbii isaaniitiin hubatanii deebiʼanii fayyu."
Nu icciitii Kiristoos kan ani isaaf jedhee hidhamee jiru sana akka lallabnuuf Waaqni balbala dubbichaa akka nuu banu nuufis kadhadhaa.