Publicidade

Aceitar Jesus

Por Bíblia Online

Aceitar Jesus é a decisão mais importante da vida. Quem o recebe como Senhor e Salvador recebe vida eterna, perdão completo e a presença permanente do Espírito Santo.

Te’uu malee, worra isa fudhatee itti dhugeeffate maraaf, akka ijoollee Waaqaa te’anuuf midda kenne.

Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.

Yesuus deebisee, «Karaan, dhuga’aa fi jiruun ana; anaan malee, eennulle gara Abba’aa hin dhufu.

Yesuus Goottaa akka te’e, afaan keetiin yoo dhugaa baate, Waaqi du’a keessaa akka isa kaaselle, gadhaa keessatti yoo dhugeeffatte, ati hin fayyita.

Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.

Nami maqaa Gootta’aa waamu duudiin hin fayyajedhe.

Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama’a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.

Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi’iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.

Isaan deebisanee, «Goottaa Yesuusitti dhugeeffadhu; ati hin fayyita; maatiin teetille hin fayyiti» jedhane.

Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.

Kunoo, ani balbala dura dhaabbadhee balbala dhodhowa; eennulle qoonqoo tiyya dhage’ee yoo balbala naaf bane, ani seenee isa woliin nyaadha, innille na woliin nyaata.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-