Publicidade

1 Crônicas 1

Hidda Dhalootaa Addaamiitii Kaasee Haga Abrahaamii
Haga Ilmaan Nohii

1 Addaam abbaa Sheetii ti; Sheet abbaa Enoshii ti; 2 Enoshi abbaa Qaayinaanii ti; Qayinaan abbaa Mahalalelii ti; Mahalalel abbaa Yaaredii ti; 3 Yaared abbaa Heenookii ti; Heenokii abbaa Matusaalaa ti; Matusaalaan abbaa Laamekii ti; 4 Laamekii abbaa Nohii ti; Nohi: Seemi, Kaamii fi Yaafet uumate.

Yaafetoota

5 Ilmaan Yaafetii: Gomer, Maagoog, Maada'i, Yaawaan, Tubaal, Meshekii fi Tiiraas. 6 Ilmaan Gomerii: Ashkenaas, Riifaatii fi Togaarma'a. 7 Ilmaan Yaawaanii: Eliishaa, Tarshiish, Kitiimii fi Rodaaniim.

Kaamota

8 Ilmaan Kaamii: Kuushi, Misraayiim, Fuxii fi Kana'aan. 9 Ilmaan Kuushii: Saabaa, Hawiilaa, Sabtaa, Ra'imaa fi Sabteka'a. Ilmaan Ra'imaa: Sheebaa fi Dedaan. 10 Kuushi, Niimrod uumate; Niimrod biyya lafaa keessatti loltuu jabaa qaraa te'e. 11 Misraayiim Ludiim, Anaamiim, Lehabiim, Naftuhiim, 12 Fatrusiim, Kasluhiim abbaa worra Filisxeemotaatii fi Kaftoriim uumate. 13 Kana'aan Sidoon uumate; Sidoon ilma isaa angaficha; itti aansee Heet, 14 Yibus, Amooro, Girgaasho, 15 Hiiwo, Arqo, Siino, 16 Arwaado, Simaaroo fi Kamaato uumate.

Seemota

17 Ilmaan Seemii: Elaam, Ashuur, Arfaaksaad, Ludii fi Aaram. Ilmaan Aaramii: Uz, Hul, Geterii fi Meshek. 18 Arfaaksaad Shalaa uumate; Shalaan Ebeer uumate. 19 Ebeer ilmaan lama uumate; bara inni dhalate kolbaan biyya lafaa waan qoqoodanteef, maqaan ilma angafichaa, «Feleg» jedhame; maqaan obboleessa isaalle Yoqxaan. 20 Yoqxaan Almodaad, Sheleef, Hasarmaawet, Yaaraa, 21 Hadoraam, Uzaal, Diqilaa, 22 Obaal, Abiimaa'el, Sheebaa, 23 Ofiir, Hawiila'aa fi Yobaab uumate; isaan kun marti ilmaan Yoqxa'aa ti.

24 Hiddi dhaloota Seemii irraa haga Abraamii ka asii gad jiru: Seem, Arfaaksaad, Shalaa, 25 Ebeer, Feleg, Re'uu, 26 Seruug, Naahor, Taaraa fi 27 Abraam, ka duuba irra «Abrahaam» jedhame.

Ilmaan Abrahaamii

28 Ilmaan Abrahaam: Yisihaqii fi Ishimaa'el.

Sanyii Aggaarii

29 Sanyiin isaanii ta asii gad jirtu: ilmi Ishimaa'elii angafichi Nabaayoo ti; achiin duuba Qedaar, Adbi'el, Miibsaam, 30 Miishimaa, Dumaa, Maasaa, Hadaad, Temaa, 31 Yetuur, Nafiishii fi Qedima'a; isaan kun ilmaan Ishimaa'elii ti.

Sanyii Qexuuraa

32 Ilmaan Abrahaamii ta Qexuuraan gursumeettiin isaaf deette: Zimraan, Yokshaan, Medaan, Miidiyaan, Ishibaakii fi Shuwa'a. Ilmaan Yokshaanii: Sheeba'aa fi Dedaan. 33 Ilmaan Miidiyaanii, Efaa, Efer, Henok, Abiida'aa fi Elda'aa. Isaan kun marti sanyii Qexuura'aa ti.

Sanyii Saara'aa

34 Abrahaam, Yisihaq uumate; ilmaan Yisihaqii, Esaawuu fi Yaaqoob; Yaaqoobiin kun ka duuba irra, «Israa'el» jedhame.

Ilmaan Esaawu'uu

35 Ilmaan Esaawu'uu: Eliifaaz, Rewu'el, Ye'ush, Yaa'alamii fi Qoraahi. 36 Ilmaan Eliifaazii: Temaan, Omaar, Zafoo, Gaataam, Qenaz; Tiimnaa irraa Amaaleqi uumate. 37 Ilmaan Rewu'elii: Naahaat, Zeraa, Shama'aa fi Miiza'a.

Kolbaa Jalqaba Edoom Keessa Qubatte

38 Ilmaan Se'iirii: Loxaan, Shobaal, Zibe'on, Aannaa, Diishon, Ezerii fi Diishaan. 39 Ilmaan Loxaanii: Hoorii fi Hemaam; obboleettiin Loxaanii Tiimna'a. 40 Ilmaan Shobaalii: Alwaa, Manahaat, Ebaal, Shefoo fi Onaam. Ilmaan Zibe'onii: Ayyaa fi Aanna'a. 41 Ilmi Aanna'aa Diishon. Ilmaan Diishonii: Hemdaan, Eshibaan, Yitraanii fi Keraan. 42 Ilmaan Ezerii: Bilhaan, Zaawaanii fi Aqaan. Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan.

Mootota Lafa Edoomii

43 Kolbaa Israa'elii irratti mootiin tokkolle mootii te'ee adoo hin bulchiniin dura, moototi lafa Edoomii irratti mootii te'anee bulchane ka asii gad jiranu: Ilma Be'orii Belaa, ka maqaan qachaa isaa, «Diinhaabaa» jedhame. 44 Yennaa Bel'aan du'e, ilmi Yobaabii Zeraan nami qachaa Bozra'aa addee isaatitti mootii te'ee bulche. 45 Yennaa Yobaab du'e, Hushaam nami lafa Temaanaa addee isaatitti mootii te'e. 46 Yennaa Hushaam du'e, ilmi Bedadii Hadaad ka lafa Mo'aabiititti worra Miidiyaanii injifate addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa, «Awiit» jedhama. 47 Yennaa Hadaad du'e, nami biyya Masreqaa Samlaan addee isaatitti mootii te'ee bulche. 48 Yennaa Samlaan du'e, nami biyya Rehobotii ka laga Efraaxiisii biraa Shaawul addee isaatitti mootii te'ee bulche. 49 Yennaa Shaawul du'e, ilmi Akborii Ba'aal-Hanaan addee isaatitti mootii te'ee bulche. 50 Yennaa Ba'aal-Hanaan du'e, Hadaad addee isaatitti mootii te'ee bulche; maqaan qachaa isaa Phaayi; maqaan haadha manaa isaa Mahexaabel; isiin intala Maxiredii akkoo Mezahabii ti. 51 Hadaadille du'e.

Worri lafa Edoomiititti sooreyyii gosaa te'ane: Tiimnaa, Alwaa, Yetet, 52 Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon, 53 Qenaz, Temaan, Miibzaar, 54 Magdii'elii fi Iraam. Isaan kun sooreyyii gosa Edoomii ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-