Pular para o conteúdo
Publicidade

Admiração

Por Bíblia Online

O temor do Senhor é o princípio da sabedoria. A admiração reverente por Deus é a postura que produz conhecimento, obediência e bênção na vida do crente.

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.

"Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

isa Qulqulluu Sana beekuun hubannaa dha.

Waaqayyoon sodaachuun ogummaa nama barsiisa;

gad of qabuunis ulfina dura dhufa.

Qabeenya guddaa rakkina of keessaa qabuu mannaa,

Waaqayyoon sodaachaa waan xinnaa qabaachuu wayya.

Waaqayyoon sodaachuun jibbuu dha;

hammina ani of tuulummaa fi of guddisuu,

amala hamaa fi haasaa jalʼaa nan jibba.

Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun,

qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.

Ani ogeessa ofiin hin jedhin;

Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.

Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna;

lafee kee illee ni haaromsa.

Simboon nama gowwoomsa; miidhaginnis ni darba;

dubartiin Waaqayyoon sodaattu garuu galateeffamtuu dha.

Amma wanni hundinuu dhagaʼameera;

dhumni dubbii kunoo ti;

Waaqa sodaadhuutii seera isaa eegi;

wanni namni hojjechuu malu guddaan isa kanaatii.

Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.

Galanni isaa bara baraan jiraata.

Haalleluuyaa.

Namni Waaqayyoon sodaatu,

kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.

Warri Waaqayyoon sodaatan,

kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.

Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra,

warra araara isaa abdatan irras jira;

Waaqni nu eebbiseera;

handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.

Isin warra maqaa koo kabajjaniif garuu Aduun qajeelummaa qoochoo isaa jalatti fayyina qabatee ni baʼa. Isinis baatanii akkuma jabbii golaa gad dhiifamteetti burraaqxu.

Waaqayyoon Sodaadhu

Yaa Israaʼel, wanni Waaqayyo Waaqni kee sirraa barbaadu maali? Akka ati Waaqayyo Waaqa kee sodaattu, akka daandii isaa hunda irra deemtu, akka isa jaallattu, akka Waaqayyo Waaqa kee garaa kee guutuu fi lubbuu kee guutuudhaan tajaajiltu, akka siif toluuf, akka ati ajajawwanii fi qajeelchawwan Waaqayyoo kanneen ani harʼa siif kennu eegduu mitii?

Waaqayyo Waaqa keessan duukaa buʼaa; isa sodaadhaa. Ajajawwan isaa eegaa; isaaf ajajamaa; isa tajaajilaa; isattis maxxanaa.

Sababii isaan Waaqa sodaataniif Waaqni deessistoota sanaaf maatii ofii isaanii kenneef.

Kanaafuu yaa jaallatamtoota, nu waan waadaawwan kanneen qabnuuf kottaa Waaqa sodaachaa qulqullina fiixaan baasuudhaan waan foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of qulqulleessinaa.

Waan nama hundaaf kennuun isin irra jiru kennaa; yoo qaraxa taʼe qaraxa, yoo gibira taʼe immoo gibira baasaa; yoo sodaachuu taʼe sodaadhaa; yoo ulfina kennuu taʼes, ulfina kennaa.

"Namni michuu isaatiif garaa hin laafne

Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.

Seja o primeiro