Pular para o conteúdo
Publicidade

Adoração

Por Bíblia Online

A adoração é a resposta do coração humano à majestade de Deus. Deus é Espírito e importa que os que o adoram o adorem em espírito e em verdade — com todo o ser.

Adorar em espírito

Deus é Espírito e importa que os adoradores o adorem em espírito e em verdade. A adoração verdadeira brota do coração.

Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga’aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.

Yennaan worri dhuga’aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga’aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga’aan isa waaqonfatanu barbaada. Waaqi Ayyaana; worri isa waaqonfatulle Ayyaanaa fi dhuga’aan isa waaqonfatuu qaba» jedheen.

Yesuus, «Dubartii tana, gaara kana gubba’atti yookiin Yerusaalemitti yennaan kolbaan Abbaa hin waaqonfanne akka dhufaartu na dhugeeffadhu. Isin worri Samaariya’aa waan waaqonfattanu hin beettanu; nuuti ammoo Yihudooti fayyinni Yihudoota keessaa waan dhufuuf, waan waaqonfannu beenna. Yennaan worri dhuga’aan waaqonfatu, Ayyaanaa fi dhuga’aan Abbaa waaqonfattu ammoo hin dhutti; ammumaayyuu dhutteerti. Inni worra akkas dhuga’aan isa waaqonfatanu barbaada.

Namichi, «Goottaa kiyya! Ani hin dhugeeffadha» jedhee isaa sagade.

Yesuus deebisee, «Seexana, bayyadhu! Barreeffam Woyyichi, Goottaa Waaqa keetiif sagadi, isa callaa tajaajilijedha» jedheen.

Yesuus deebisee, «Barreeffam Woyyichi, Goottaa Waaqa keetiif sagadi; isa calla’aafille tajaajili!jedha» jedheen.

Le’ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte

Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana.

Le’ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte

Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana. Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.

Sababille wonni maraa isaan dadamee,

karaa isaatii fi isaaf jiraata.

Ulfinni haga bara baraa isaaf te’u! Ameen!

Sababille Barreeffam Woyyichi,

«Dhugumaan Ani Waaqa jiraata’a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata;

arrabi martinuu akka ani Waaqa te’e dhugaa baasee hin dubbatajedha Goottaan» jedha.

Louvor e reverência

Vinde, adoremos e prostremo-nos. Louvai ao Senhor! Todo ser que respira louve o nome glorioso do Senhor.

Kowa’a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

Kowa’a, gad jennee isa waaqonfannaa!

Mootii Waan Maraa

ka nu dade duratti jilbiiffannaa!

Mootii Waan Maraa Leellisa’a

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Addee Woyyittii isaa keessatti,

Waaqa leellisa’a!

Ol-gubbaa isaa hunnaamettii keessatti,

isa leellisa’a!

Hujii jadduu inni godheef isa leellisa’a.

Guddinna isaa,

ka waan mara caaluuf isa leellisa’a.

Tultulla’aan isa leellisa’a.

Kiraara guddichaa fi

maseenqo’oon isa leellisa’a.

Dibbe’ee fi shubbisiisaan isa leellisa’a.

Kiraaraa fi suusulle’een isa leellisa’a.

Sibiila wolitti dhowamee qilillisuun,

isa leellisa’a.

Sibiila wolitti dhowamee,

akka malee qilillisuun isa leellisa’a.

Wonni hafuura baafatu martinuu

Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Wonni hafuura baafatu martinuu

Mootii Waan Maraa leellisanuu ti!

Mootii Waan Maraa leellisa’a!

Galateeffataa gara karra isaa,

leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena’a;

isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa’a.

Ulfinna maqaa isaatiif,

Mootii Waan Maraa leellisa’a;

Arnya woyyummaa isaatiif,

Mootii Waan Maraa waaqonfadha’a.

Faaruu Leellisaatii Fi Galataa

Faaruu, sooressa faarfattootaatiif.

Biyyi lafaa duudiin,

Waaqaaf gammadaa ilillisa’a.

Ulfinna maqaa isaatiif faarfadha’a;

leellisa ulfinnaa isaaf kenna’a.

Waaqaan, «Hujiin teeti attam attam bilbaasa!

Hunni teeti guddoo waan teeteef,

diinoti keeti soda’aan si duratti hollatan.

Worri lafa irra jiru marti sii sagadan;

isaan faaru’uun si leellisan;

maqaa keeti leellisaa faarfatan» jedha’a.

Ani guddisee gara isaa iyye;

arraba kiyyaan isa saade.

Gootta’a, kolbaan biyya adda addaa

ta ati dadde marti gara keeti dhuttee,

si’iif hin sagaddi;

maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.

Ati guddaa waan teeteef,

hujii baasaa hin hujja;

ati callaan Waaqa.

Jaalala Waaqaa

Faaruu Daawitii.

Ee lubbuu tiyya Mootii Waan Maraa leellisi;

keessi kiyya duudiin maqaa isaa woyyicha leellisi.

Baasa Waaqi Kolbaa Israa’eliitiif Godhe

Mootii Waan Maraa galateeffadha’a;

maqaa isaa waammadha’a;

waan inni huje

gosa biyya adda addaa oddu’utti beessisa’a.

Waaqa Barbaadiisa

Faaruu Daawitii ta inni yennaa goomolee Yihuda’aa keessa jiru Faarfate.

Ee Waaqa, ati Waaqa kiyya;

ani si barbaada.

Akka lafa bisaan dhaddee goggoddee,

lubbuun tiyya si dheebotti;

nafi kiyyalle si dharra’a.

Jaalalli keeti ka bara baraa

jiruu waan caaluuf,

arrabi kiyya si leellisa.

Ani haga jiru si leellifadha;

harka kiyya ol qabadhee,

maqaa keeti waammadha.

Declarações de adoração

Tu és digno, Senhor, de receber glória e honra! Ao Senhor pertence a grandeza, o poder, a glória e a majestade.

«Ati waan mara waan daddeef,

isaaniille fedha keetiin waan dadamanee fi waan jiraataneef,

Waaqa Goottaa keenna,

ulfinna, guddinnaa fi baallii fudhatuu qadda» jedhiisatti jiraniiyyu.

Inni qoonqoo guddo’oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha’a, ulfinnalle kenna’aaf! Ka ol-gubbaaa fi lafa, abbaaya’aa fi madda bisaanii dadeef sagada’a!» jedhe.

Gootta’a! Nami si hin sodaanne,

ka maqaa keetille hin guddinne eennu?

Si calla’attuu woyyicha;

hujiin teeti balchittiin waan mudhatteef,

gosi biyya adda addaa mara dhufee,

si’iif hin sagada» jedhane.

Ka waan kana dhage’ee fi dhagge, ana Yohaannis. Yennaa waan kana dhaggee fi dhage’e, ergamaa Waaqaa ka waan kana natti mudhiseef sagadiisaaf, miila isaatitti gadi jige. Inni ammoo, «Lakkii! Waan akkasii godhuu hin qaddu! Ani si’ii fi obboleeyyan teeti raagotaa fi worra jecha Kitaaba kanaa eeggatu maraa woliin tajaajila’a; Waaqaaf sagadi» naan jedhe.

Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda’a; hunnaamessalle’e. Ulfinni, baalli’ii fi arnyi keeti. Wonni ol-gubbaaa fi lafa irra jirtu marti teeti; ati mooticha waan maraan olii ti.

Maganne’e, Mootiin Waan Maraa

dansaa waan te’eef,

jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te’eef,

isa galateessa’a.

Isin, «Nuuti maqaa keeti woyyicha

akka galateeffannuuf,

ulfinna keeti akka leellifannuuf,

ee, Waaqa fayyisaa keenna,

ati gosa biyya adda addaa harkaa nu baasiitii,

wolitti nu qabi» jedhaalle’e.

Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa’elii

haga bara baraa leellifamuu ti.

Achiin duuba kolbaan marti, «Ameen!

Mootiin Waan Maraa leellifamuu ti» jette.

Maganne’e, Mootiin Waan Maraa

dansaa waan te’eef,

jaalalli isaa ka haga bara baraa waan te’eef,

isa galateessa’a.

Isa faarfadha’a; isa leellifadha’a

hujii isaa ta maade’ee hima’a.

Tanaaf Waaqi isa guddisee ol aansee,

maqaa maqaa mara caalulle kenneef.

Tanaaf worri ol-gubbaa jiru,

worri lafa irra jiruu fi worri lafa jala jirulle martinuu,

ulfinna maqaa Yesuusiitiif hin jilbiiffatan.

Arrabi martinuu,

ulfinna Waaqa Abba’aatiif,

Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’e,

dhugaa baasee hin dubbata.

Sacrifício de louvor

Por meio de Jesus ofereçamos sempre sacrifício de louvor. Cantai ao Senhor, celebrai em salmos — enchei-vos do Espírito.

Yoona, karaa Yesuusiitiin woreega galataa adoo gargar hin kutin, kowa’a Waaqaaf kennina. Kunille woreega galataa, ka afaan maqaa isaatiif dhugaa bawu irraa dhikaatu.

Yoona nuuti mootummaa hin tachoone waan dhaalluuf kowa’a Waaqa galateeffanna; karaa inni itti gammaduun, ulfinnaa fi soda’aan kowa’a isa Waaqonfanna. Sababille Waaqi keenna ibidda gubee balleessu.

Faaru’uu fi faaruu leellisaatiin, faaruu Ayyaanaatille’een woliin dudubbadha’a; faaru’uu fi faaruu leellisaatiin gadhaa keessan keessatti Goottaa galateeffadha’a.

Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.

Gara halkan wodhakka’aatitti Phawuloosii fi Siilaas daadimanna’aa fi faaru’uun Waaqa leellifataaraniiyyu; worri hidhame dhibiille isaan caqasaaraayyu.

Phawuloos Waaqa Galateeffate

Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii, Abbaa mararti’iitii fi Waaqa jajjabeenna maraatiif galanni te’u. Nuuti jajjabeenna Waaqa irraa dhagganeen, worra rakkinna adda addaa keessa jiru akka jajjabeessinuuf, Waaqi rakkoo teenna duudii keessatti nu jajjabeessa.

Isinille nu woliin tokkummaa akka qabaattanuuf, waan dhagginee fi waan dhageenne isinitti hinna; tokkummaan teennalle Abba’aa fi Ilma isaa Yesuus Kiristoos woliin.

Adoração como vida

Exaltai ao Senhor, prostrai-vos ante o escabelo dos seus pés. A adoração genuína transforma o adorador e agrada o Criador.

Mootii Waan Maraa Waaqa keenna saada’a;

miila isaa jalatti sagada’a!

Inni woyyu’u!

Guyyaa guutuu leellisii fi ulfinni keeti

afaan kiyya guuteera.

Waaqaaf faarfadha’a;

faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha’a;

ka duumensa irra deemu saada’a;

maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;

isa duratti ilillisa’a!

Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;

ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;

haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.

Sababa balchummaa isaatiif,

ani Mootii Waan Maraa hin galateessa;

maqaa Mootii Waan Maraa Ol Aana’aatiif

faaruu leellisaa hin faarsa.

Ani guddinna maqaa keetii kolbaa tiyyatti hin hima;

wolde’a gumii isaanii keessatti ani si hin leellisa.

Isin worri Mootii Waan Maraa sodaattanu,

isa leellisa’a!

Isin sanyiin Yaaqoobii marti,

isa ulfeessa’a!

Isin kolbaan Israa’elii marti,

isa saadadha’a!

Ani harka kiyya gara keeti badhisa;

akka lafa goddee,

lubbuun tiyya si dheebotti.

Ee lubbuu tiyya maaf gaddita?

Na keessatti maaf jeeqanta?

Ani deebi’ee Waaqa fayyisaa kiyya waan leellifadhuuf,

Waaqa keetitti addii godhadhu.

Ani Mootii Waan Maraatiin,

«Ati Goottaa kiyya;

si’iin malee ani waan dansaa hin qabu» jedhe.

Sodaa guddo’oon Mootii Waan Maraa tajaajila’a.

Rommiisaan isaaf ajajama’a.

Ani sitti gammadee hin burraaqa;

Waaqa Ol Aana’a,

ani faaruu leellisaa maqaa keetiif hin faarsa.

Falsa adoração

Não terás outros deuses diante de mim. Não adorarás ídolos. A adoração exclusiva ao Senhor é mandamento inegociável.

Isaaniif hin sagadin; isaan hin waaqonfatinille’e. Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti Waaqa hinaatticha waan te’eef, worra na jibbu sababa cubbuu abbootii isaaniitiif, ijoollee isaanii haga dhaloota sadiitii fi afuriititti hin adaba.

Ani Mootii Waan Maraa, Waaqa hinaatticha waan te’eef, waaqa dhibii hin waaqonfatin.

Akkuma Muuseen gara Dunkaani’ii seeneen utubaan duumensaa gad bu’ee seensuma Dunkaani’ii dura dhaabbata; Mootiin Waan Maraalle duumensa keessaa Muusee woliin dubbata. Kolbaan utubaan duumensaa seensuma Dunkaani’ii dura dhaabbatuun yennaa dhaggitu mara, isaan martinuu ol ka’anee seensuma dunkaanii ifii duratti sagadan.

Mootiin Waan Maraa jabeenna naa te’ee,

akka faarfadhu na tolcheera;

inni fayyinna naa te’eera.

Inni Waaqa kiyya;

anille isa hin leellifadha;

Waaqa abbaa kiyyaa,

ani isa hin saadadha.

«Ee Mootii Waan Maraa,

waaqota keessaa ka akka keetii eennu?

Ka arnya woyyumma’aa qabu,

ka ulfinnaan sodaatame,

ka bilbaasa huju,

ka akka keetii eennu?

Ana Mootii Waan Maraa Waaqa keessan waaqonfadha’a; anille midhaanii fi bisaan keessan hin eebbisa; dhukkuballe odduu teessanii hin balleessa.

Inni ka ati leellifattu; Waaqa keeti ka adoo ati ila teetiin dhaggituu waan gugurdo’oo fi maade’ee ta sodaachittu ka si’iif godhe.

Achitti fuula Mootii Waan Maraa Waaqa keessanii duratti hin nyaatin. Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan waan isin eebbiseef, isinii fi maatiin teessan Waan harka keessaniin hujjaneen hin gammaddan.

Isaan waaqota ormaatiin

akka hinaafu isa godhanee,

battumma’aan isa aarsane.

Isaan durriisota Waaqa hin te’iniif,

waaqota hin beenneef,

waaqota haareya

ka abbootiin isaanii hin sodaatiniif

ciincaa dhikeessane.

Ati rassaa abbaa sii te’e lakkittee,

Waaqa jiruu sii kenne deete.

Ifi sossoddee yookiin duubatti deebitee waaqota dhibii akka hin waaqonfannee fi akka isaaniif hin saganne ifi eegadhu.

Goottaan, «Kolbaan tun dubbii afaan ifiitiin natti dhikaatan; ulfinnalle naaf kennan; gadhaan isaanii ammoo, ana irraa fago’o; isaan ajaja nami isaan barsiiseen na waaqonfatan.

Faaruu Leellisaa

Ee Mootii Waan Maraa, ati Waaqa kiyya;

ani si hin jajadha; maqaa keetille hin leellifadha;

waan maade’ee ka dur yaadde

addatamumma’aan muummessiteerta.

Waaqi ammoo isaan irraa garagalee, urjoota ol-gubbaaa akka sagadanuuf dabarsee isaan kenne; akkuma kitaaba raagotaa keessatti barreeffante,

«Ee, kolbaa Israa’elii!

Woggaa afurtama goomolee keessatti

horii qalmaatii fi ciincaa naaf dhikeessitanee ree?

Isin dunkaanii waaqa molokiitii fi,

fakkii urjii waaqa Reefaan jedhamuu,

harka keessaniin hujjanee, waaqonsiisaaf ba’attane.

Maarre anille biyya Baabilon irraa fagaattutti isin hin dabarsajedhe.

Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubbaaa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha’a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja. Nami akkasii, Kiristoosii mataa nafaa te’eerutti qabatiisa lakkiseera; nafa duudii mitika’aa fi ribu’uun wolitti qassiisee ka nyaachisu mata’a; akkasiin guddinna Waaqi fedhu nafi guddata.

Finqilli adoo hin ka’in dura jallichi ilmi badi’iille adoo hin mudhatin guyyaan sun waan hin dhunneef, nami tokkolle karaa kamiinuu isin hin wollaalchisin. Inni waan waaqa jedhamanu yookiin waaqonfatanu caalaa ifi ol qaba; ifille’een, «Ani Waaqa» jedhaa Galma Waaqaa keessa ifi teessisa.

Exemplos de adoração

Jó adorou em meio ao sofrimento. Esdras adorou na restauração. Paulo e Silas adoraram na prisão — e Deus respondeu.

Achiin duuba Iyoob ol ka’ee gaddaan woyaa ifii tarsaasee, mataa haadatee, lafatti gad gombifamee sagadee, «Ani qullaa gadhaa haadha tiyyaatii dhaladhe. Yoo du’ulle qullaa tiyya deebi’ee deema. Mootiin Waan Maraa kenne; inninuu fudhate. Maqaan isaa leellifamuu ti!» jedhe.

Isaan faaru’uun,

«Waaqi dansa’a;

jaalalli isaa ka bara baraa

ka inni Israa’eliif qabu

haga bara baraa ti» jedhanee,

Mootii Waan Maraa leellifatanee galateeffatane.

Hundeen Galma Mootii Waan Maraa waan dhaabateef, kolbaan marti gammaddee, qoonqoo ifii ol qabattee Mootii Waan Maraa leellifatte.

«Hujiin Mooticha ol-gubbaaa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te’eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.

Ee, Goottaa Mootii Waan Maraa, ati attam attam gudda’a! Ka akka keetii tokkolle hin jiru; akkuma gurra keennaan dhageenne, si malee Waaqi dhibiin hin jiru.

«Ka akka Mootii Waan Maraa

Woyyichi tokkolle hin jiru;

ka akka isaa tokkolle hin jiru;

rassaan akka Waaqa keennaa

tokkolle hin jiru.

Lewwooti worri Iyaasuu, Qadmii’el, Baani, Hashabniiyaa, Sherebiiyaa, Hodiiyaa, Shebaniyaa fi Fitaahiyaa jedhamanu,

«Ka’aaatii Mootii Waan Maraa

Waaqa keessan ka bara baraa

leellifadha’a!

Maqaan keeti ulfaataan,

ka galataa fi eebba duudii irra ol aanu

leellifamuu ti!jedha’a!» jedhane.

Muki harru’uu midhaan buusuu dhabulle,

muki woyni’ii midhaan buusuu dhabulle,

muki ejersaalle midhaan kennuu dhabulle,

fichaan midhaan baasuu dhabulle,

hooleen gooree keessaa dhabantulle duwwaa hattulle

loon moonaa keessaa dhabamanulle,

tun marti teetulle

ani Mootii Waan Maraatitti hin gammada;

Waaqa fayyisaa kiyyatti gammadee firinxiixa.

Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage’a.

Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.

Seja o primeiro