Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 86

Daadimata Qarqaarsa Waaqaa Dhaggatiisaaf Dhikaate

Daadimata Daawitii.

1 Ee Mootii Waan Maraa, ani hiyyeessa rakkataa waan te’eef,

gurra keeti gara kiyya deebifadhuutii,

naa dhage’i.

2 Ani waan si’iif ifi kenneeruuf,

jiruu tiyya eegi;

tajaajilaa keeti ka sitti addatu baasi;

ati Waaqa kiyya.

3 Ani guyyaa guutuu gara keeti waan iyyuuf,

ee Mootii Waan Maraa, na marari.

4 Ee Mootii Waan Maraa,

ani lubbuu tiyya sitti waan kennadheeruuf

ana tajaajilaa keeti gammachiisi.

5 Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a;

namaafille hin araaranta;

worra si waammatuuf,

jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.

6 Ee Mootii Waan Maraa, daadimata kiyya dhage’i;

iyya gaaffii tiyyaa caqasi.

7 Ati waan deebii naa kennituuf,

ani guyyaa rakkinna kiyyaa

si waammadha.

8 Ee Mootii Waan Maraa,

waaqota keessaa ka akka keetii hin jiru;

hujiin akka hujii teetiille hin jirtu.

9 Gootta’a, kolbaan biyya adda addaa

ta ati dadde marti gara keeti dhuttee,

si’iif hin sagaddi;

maqaa keetiifille ulfinna hin kenniti.

10 Ati guddaa waan teeteef,

hujii baasaa hin hujja;

ati callaan Waaqa.

11 Ee Mootii Waan Maraa,

ani dhugaa teetiin akka deemuuf,

karaa keeti na barsiisi;

Akka ani maqaa keeti sodaadhuuf,

nama gadhaa tokkochaa na godhi.

12 Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya,

ani gadhaa tokkochaan si galateeffadha;

maqaa keetiifille

haga bara baraa ulfinna hin keenna.

13 Jaalalli keeti ka bara baraa

ka ati naaf qaddu gudda’a;

ati lubbuu tiyya

qilee addee worri du’e jiru irraa hamburteerta.

14 Ee Waaqa,

worri bondhooru na irratti ka’eera;

goliin worra gadhaa jabaatuu,

lubbuu tiyya balleessiisaaf barbaadan;

isaan woyittuu si hin laakkowanu.

15 Ee Gootta’a, ati ammoo,

Waaqa mararaa arja’a;

aari’iif hin ariifattu;

jaalalli keeti ka bara baraatii fi

addatamummaan teetille baca’a.

16 Gara kiyya deebi’ii, na marari;

hunna teeti ana tajaajilaa keetiif kenni;

ana ilma garbittii teetii baasi.

17 Ee Mootii Waan Maraa,

ati waan na qarqaartee

na jajjabeessiteef,

diinoti kiyya dhagganee akka fokkifatanu,

beessisa fudhatama keeti dhaggatiisaa

na irratti mudhisi.

Veja também