Publicidade

Salmos 121

Ka Nu Eegu Waaqa
Faaruu Ittiin Ol bayanu

1 Ani ila tiyyaan gara koobaa ol ilaale;

qarqaarsi kiyya eessaa dhufa?

2 Qarqaarsi kiyya ka ol-gubba'aa fi lafa dade,

Mootii Waan Maraa biraa dhufa.

3 Inni miilli keeti akka mucucaatu hin lakkisu;

ka si eegu hin mugu.

4 Dhugumaan, ka Israa'el eegu

hin mugu; hin rafulle'e.

5 Mootiin Waan Maraa si eega;

Mootiin Waan Maraa gaaddisa keeti;

inni midda keeti jira.

6 Guyyaa aduun,

halkan jiin si hin miidhu.

7 Mootiin Waan Maraa

Waan hantuu mara irraa si eega;

inni jiruu teeti hin eega.

8 Mootiin Waan Maraa bayaa fi gala keeti

ammaa jalqabee haga bara baraatitti hin eega.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-