Publicidade

Salmos 145

Leellisa Waaqa Mootichaaf Dhikaate
Faaruu Daawitii.

1 Ee Waaqa mootii kiyya,

ani si hin saadadha;

bara baraa haga bara baraa

maqaa keeti hin leellifadha.

2 Guyyuma guyya'aan si hin leellisa;

bara baraa haga bara baraa

maqaa keeti hin saadadha.

3 Mootiin Waan Maraa gudda'a;

guddoo leellifamuu male;

guddinni isaa

qorqoramee bira hin geyamu.

4 Dhalooti tokko hujii teeti

dhaloota itti aanutti jaja;

hujii teeti ta maade'ee hin lassa.

5 Isaan marroo ulfinna keeti arnya qabeessaa

hin dubbatan;

anille marroo hujii teeti ta baasaa

itti deddeebi'ee hin yaadadha.

6 Isaan marroo hunna hujii teeti

ta baasaa hin dubbatan;

anille guddinna keeti hin odeessa.

7 Isaan marroo arjummaa teeti baca'aa

hin jilifatan;

Balchummaa teetiifille ililleetti'iin faarsan.

8 Mootiin Waan Maraa marara'a; arjaalle'e;

aari'iif hin ariifattu;

jaalalli isaalle gudda'a.

9 Mootiin Waan Maraa nama maraaf dansa'a;

inni waan ifii dade mara hin marara.

10 Ee Mootii Waan Maraa,

wonni ati dadde marti si hin leellifatti;

kolbaan teeti marti si hin saadatti.

11 Isaan marroo ulfinna mootummaa teetii,

marroo hunna teetii hin dubbatan.

12 Akka kanaan namooti marti

hujii teeti ta baasaatii fi

mootummaa teeti

arnya qabeettii ulfinnaa hin beekan.

13 Mootummaan teeti

mootummaa bara baraa ti;

ati haga bara baraa hin bulchita.

14 Mootiin Waan Maraa

worra jigaaru mara hin utuba;

worra jigelle ol kaasa.

15 Ilti nama maraa gara keeti ilaalti;

atille sagalee isaanii

yennaa maltetti isaanii kennita.

16 Ati harka keeti diriirsitee,

halchaa waan lubbuu qabu maraa

hin quussita.

17 Mootiin Waan Maraa

karaa hujii ifii maraan balcha'a;

waan huju maraan addatama'a.

18 Mootiin Waan Maraa

worra isa waammatu maraaf,

worra dhuga'aan isa waammatu maraaf

dhikoo jira.

19 Inni halchaa worra isa sodaatuu hin guuta;

iyya isaaniille dhage'ee,

isaan hin baasa.

20 Mootiin Waan Maraa

worra isa jaalatu mara hin eega;

worra hamaaleyyii ammoo hin balleessa.

21 Afaan kiyya

leellisa Mootii Waan Maraa hin dubbata;

ka foon uffate martille

bara baraa haga bara baraa,

maqaa isaa woyyicha hin leellisa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-